Beeksisa
◼ Fulbaana: Kitaabawwan turan kan akka Mootummaan Kee Haa Dhufu, Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhaman. Onkololeessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Sadaasa: Birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu. Muddee: Kitaaba, Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu jedhamu. Akka filannoottimmoo: Kitaaba, Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo kan Namaati? Ykn Lafa Jannata Taateerra Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa jedhaman.
◼ Viidiyoon, Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera jedhamu Walga’ii Tajaajilaa Muddeerratti irra deebina. Fiilmiin kun, fiilmii DVD Qorichawwan Bakka Dhiigaa Kennaman jedhamu keessatti walumatti qophaa’eera. Sagantaawwan viidiyoo DVD kana keessatti argaman, Malawwan Salphaa, Amansiisaafi Bu’a Qabeessa—Bakka Dhiigaa Ta’an; Mirgaafi Fedhii Dhukkubsattootaa Kabajuu; akkasumas, Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera jedhamanidha. Viidiyoo kana afaan Ingiliffaatiin, afaan Faransaayiifi afaan gara biraatiinis argachuun ni danda’ama.
◼ Haasawaan sabaa addaa tibba Ayyaana Yaadannoo 2005tti kennamu, Dilbata, Ebla 10 dhihaata. Mata dureen haasawichaa gara fulduraatti ibsama. Gumiiwwan torban sanatti ilaaltuu olaanaa aanaatiin daawwataman, ykn walga’ii aanaa yookinimmoo walga’ii addaa qaban, haasawaan sabaa addaa torban itti aanutti kennamuufii danda’a. Gumii kamittiyyuu haasawaan sabaa addaa Dilbata, Ebla 10, 2005 dura dhihaachuu hin qabu.
◼ Jaarsoliin, namoota gumiidhaa baafamaniifi of qoodaniifi gaafatamuu qaban ilaalchisee, qajeelfama Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1991, ful. 21-23rra jiru akka hordofan isaan yaadachiisna.
◼ Gumiiwwan, Masaraan Eegumsaafi Dammaqaan! Akkuma isaan ga’aniin obbolootaaf hiruu qabu. Akkas gochuun, babal’istoonni barruuleewwan kana raabsuusaanii dura, akka dubbisan isaan gargaara.
◼ Jiini Onkololeessaa Sambadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ BARREEFFAMAWWAN HAARAA HARKAA QABNU: Amaariffa: Yihowaatti Dhihaadhaa; Afaan Arabaa: Kitaaba Waggaa 2004; Afaan Chaayinaa: Kitaaba Beekumsaa, birooshuuroota tokko tokko; Ingiliffa: Jildii Dammaqaa! 2003; Barreeffamawwan Waldaa Masaraa Eegumsaa hanga 2003tti CDdhaan jiran; Afaan Nuwer: Kitaaba Beekumsaa; Tigriffa: Dargaggoota—Jireenya Keessanitti Akkamitti Itti Gargaaramuuf Yaaddu?
◼ AMMAS KAN NU HARKATTI ARGAMAN: Amaariffa: Birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu; Afaan Arabaa: Gaaffiiwwan Dargaggootaafi Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Danda’an; Ingiliffa: Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Hafuura Waaqayyootiin kan Barreeffameefi Bu’a Qabeessadha; Afaan Faransaayi:.Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Hafuura Waaqayyootiin kan Barreeffameefi Bu’a Qabeessadha.