LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/04 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 12/04 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Muddee 27, 2004, jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Sadaasa 1 hanga Muddee 27, 2004, irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.​​—⁠Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Dhaggeeffatonni keenya barumsa baratan xiyyeeffannaadhaan akka hordofan gochuuf malli gaariin isa kami? [be ful. 218 key. 2]

2. Karaawwan xumurri bu’a qabeessa ta’e ittiin beekamu shan ibsi. [be ful. 220 key. 4–ful. 221 key. 4]

3. Wanta sirrii ta’e dubbachuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 224, saanduqa]

4. Gumiin “utubaa fi demdemoo dhugaa” ta’uusaa kutaa gumii keessatti dhiheessinuun mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Xim. 3:​15) [be ful. 224 key. 1-4]

5. Odeeffannoowwan, yaadawwan burqaa kan biraarraa fudhatamaniifi muuxannowwan yeroo dubbannu, Fakkeenya 14:15 hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 225 key. 1]

HAASAWAA LAK. 1

6. Yeroon Bishaan Badiisaatii kaasee hanga uumama Addaamitti jiru shalagamee beekamuu kan danda’u akkamitti? [si ful. 286 key. 12]

7. Yesus tajaajila kan jalqabe waggaa isa kamitti akka ta’e kan beekamu akkamitti? Waggaa sadiifi walakkaa booddee tajaajillisaa kan xumure ta’uusaa amanuufoo sababii maalii qabna? [si ful. 291 key. 16]

8. (a) ‘Yerusaalem deebitee akka ijaaramtu abboommiin kan ba’e’ yoomi? (b) Erga abboommiin kun ba’ee kaasee hanga Yesus Masiihii ta’ee dhufutti bara hammamiitu darbe? (Dan. 9:​24-​27) [si ful. 291 key. 18-​19]

9. Garaadhaa dhiifama gaafannee ‘obboleessa keenyaa wajjin araaramuun’ maal dabalata? (Mat. 5:​23, 24) [w02 11/1 ful. 6 key. 1, 5]

10. Ajaja Waaqayyoo raawwachuu ilaalchisee, 2 Mot. 13:18, 19⁠rraa barumsa maalii arganna? [w02 12/1 ful. 31 key. 1-2]

DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII

11. Israa’eloonni, horii dhiignisaa utuu hin dhangala’in du’e akka ofiisaaniitiif hin nyaanne dhowwamaniyyuu, galaa biyyasaanitiif akka kennan ykn ormatti akka gurguran kan heyyamameef maaliifi? (Kes. 14:21)

12. Keessa deebii 20:​5-7⁠rratti barumsa maaliitu nuu dhihaateera?

13. “Dhagaa daakuu yookis majii” qabsiisa fudhachuun akka “jireenya” fudhachuutti kan lakkaa’amu maaliifi? (Kes. 24:6)

14. Sabni Israa’el cooma akka hin nyaanne waan dhowwamaniif ‘cooma xobbaallaa’ nyaachuunsaanii maal argisiisa? (Kes. 32:13, 14)

15. Bara keenyatti, cubbuu Aakaan raawwatee wajjin kan walfakkaatu maalidha? (Iya. 7:​1-​26) [w86 12/15 ful. 20 key. 20]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi