LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/04 ful. 5
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 12/04 ful. 5

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman, Muddee: Kitaaba, Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu jedhamu; akka filannoottimmoo: Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo kan Namaati? Ykn Lafa Jannata Taaturra Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa jedhamu raabsuun ni danda’ama. Amajjii: Birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu raabsuuf duulli adda ta’e ni godhama; Guraandhala: Diroow Kilooz Too Jihoovah; Bitootessa: Birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu.

◼ Qola Dammaqaa! Bitootessa 2005⁠rratti mata dureen “Ogeessa Fayyaa Kee Hubachuu” jedhu, namoonni ogeeyyii fayyaasaanii wajjin sirriitti akka walii galan gargaaruuf yaadamee kan qophaa’edha. Haata’u malee, matadureewwan kun yaada ogeessota fayyaa gargaaru waan qabateef, ergaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii akka qabaatan kan godhudha. Tarii, kooppii dabalataa ajajjee kooppii tokko ogeessa fayyaa keetiif, akkasumas ogeessota fayyaa kaaniif kennuuf carraaqqii addaa goota ta’a. Gumiiwwan kooppii kana dabalataan yoo barbaadan waajjira dameef beeksisuu qabu.

◼ Qajeelchitoonni, jaarsoliin ykn tajaajiltoonni gumii ji’a Bitootessaatii hamma Caamsaatti tajaajiltoota addaa taatanii tajaajiluu barbaaddan, odeeffannoo armaan gadii kennuudhaan, waraqaa guddaarratti barreessitanii hanga Muddee 31, 2004⁠tti nuuf erguu qabdu: 1) maqaa; 2) umurii; 3) guyyaa itti cuuphamte; 4) gaa’ela qabaachuufi dhiisuu kee; nama meeqa akka gargaartu. 5) ji’oota meeqaaf akka tajaajiltu [Bitootessaa-Caamsaattii?]; 6) afaan dubbatan; 7) tajaajila manaa gara manaarratti yeroo hunda kan hirmaatu ta’uusaa. Sanaan booda, koreen tajaajilaa gumichaa yaadasaanii ibsanii mallatteessu.

◼ Waraqaan afeerrii Ayyaana Yaadannoo 2005 (afaan gumichi ittiin geggeeffamuun) yeroo dhihootti gumiiwwan hundaaf ni ergama.

◼ Ayyaanni yaadannoo kun barbaachisaa waan ta’eef, qaamni jaarsolii, jaarsi dandeettii gaarii qabu haasawicha akka dhiheessuu godha malee, dabareedhaan akka walga’u gochuuf ykn waggaa waggaadhaan jaarsi tokko qofti akka dhiheessu gochuu hin qabu. Obboloota dibamoo keessaa jaarsi kana gochuu danda’u yoo jiraate, haasawaa kana isatu dhiheessuu qaba.

◼ Ayyaanni Yaadannoo 2006 Roobii Ebla 12 erga biiftuun lixxee booda akka kabajamu yaadadhaa.

◼ Torban Waxabajjii 27, 2005 jalqabee, kitaabni qayyabannaa kitaabaa gumiirratti qayyabatamu kitaaba Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu ta’a.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi