LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/05 ful. 8
  • Tajaajilarratti Barruulee Raabsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tajaajilarratti Barruulee Raabsaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 2/05 ful. 8

Tajaajilarratti Barruulee Raabsaa

1 “Kan namatti tolan, yeroo wajjin kan adeemaniifi kan nama jajjabeessanidha.” “Barruuleen hanga ammaatti dubbise hundarra caalaa kan nama jajjabeessanidha.” Jechoonni nama gammachiisan kun, namoonni addunyaa maratti argaman Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dubbisaniif ilaalcha qaban akka gaariitti kan ibsudha. Dhugumayyuu barruuleen keenya kun, “namni hundinuu” misiraachoo akka dhaga’u gochuudhaan shoora guddaa raawwataniiru.—1 Xim. 2:4.

2 Namni daldalaa ta’e tokko, barruulee Dammaqaa! mata duree isa tuqu fudhate. Itti aanees, Masaraa Eegumsaa kan dubbise yeroo ta’u, kunis barumsa Sillaasee isa inni umuriisaa guutuu itti amanu akka qoru isa kakaase. Kunis Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu kan isa kakaase yeroo ta’u, ji’a ja’a boodas ni cuuphame. Namni garabiraan tokkommoo yeroo hundumaa barruulee fudhatuyyuu dubbisee hin beeku ture. Haati manaa namicha kanaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguu kan hin barbaanne taatus barruulee abbaa manaasheetiif kennaman garuu ni dubbisti turte. Lafa jannata taatuufi namoota qajeeloodhaan guutamtu ilaalchisee abdiin Macaafni Qulqulluun kennu ishee xuqe. Yeroo booda, isheeniifi ilmishee akkasumas obboleettiinshee tajaajiltoota Yihowaa ta’uu danda’aniiru.

3 Lamaanuu Walumatti Raabsaa: Fakkeenyiwwan gararraatti ibsaman akka argisiisanitti barruulee keenya eenyu akka dubbisuufi matadureen fedhii namootaa tuqu isa kam akka ta’e beekuu hin dandeenyu. (Lal. 11:6) Kanaafuu, yaada seensaa kan dubbannu barruu tokko qofaarratti hundoofnee ta’uyyuu, Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! walumatti qabnee raabsuun keenya faayidaa guddaa qaba. Yeroo deddeebii gaaffii goonutti barruulee adda addaa hedduu raabsuun yeroo itti barbaachisaa ta’us jira.

4 Torbanitti al tokko barruu raabsuuf sagantaa baasuun barbaachisaadha. Kaalandarii Dhugaa Baatota Yihowaa 2005⁠rratti, Sambadduraa hundi “Guyyaa Barruuleen” itti raabsamu ta’uusaa ibsameera. Haata’u malee, haalli naannoofi haalli namootaa adda adda ta’uu waan danda’uuf obboloonni tokko tokko barruulee raabsuuf guyyaa kan biraa filatu ta’a. Atoo torban keessaa guyyaa barruulee itti raabsitu qabdaa?

5 Karoora Baafadhaa: Ji’a ji’aan barruulee meeqa akka raabsuu akka raabsuu barbaannu dursinee karoora baasuun keenya, barruulee raabsuudhaaf xiyyeeffannaa addaa akka laannu nu gargaara. Maamila barruulee qabdaa? Namoota tajaajilarratti argattuuf barruulee ni laattaa? Karaarratti, naannoo daldalaattiifi bakka namoonni baay’inaan argamanitti barruulee ni raabsitaa? Ennaa karaa deemtu, mi’a bituuf yommuu baatuufi beellama qabattee yeroo deemtu barruulee ni qabattaa? Namoonni kaan Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! irraa bu’aa akka argatan gargaaruuf carraa argatte hundaatti fayyadami.

6 Barruulee turaniifi of harkaa qabnu raabsuufis karoora baafachuu dandeenya. Barruuleen kun erga maxxanfamanii booda ji’a tokko ykn lama keessatti kan hin raabsamne ta’aniiyyuu, beekumsi barruulee kanarratti argaman ammayyuu faayidaa guddaa kan qabanidha. Kanaafuu, namoota fedhii qaban harka akka ga’an godhaa. Barruuleen Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! namoota miliyoonaan lakkaa’amaniif ‘dubbii yeroosaatti dubbatame’ ta’aniiruuf. (Fak. 25:11) Barruulee kanaan fayyadamuudhaan, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman Yihowaa akka beekaniifi isa tajaajiluu akka danda’an haa gargaaru.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1, 2. Masaraan Eegumsaafi Dammaqaan! jireenya namootaa kan tuqan akkamitti?

3. Barruulee walumatti qabnee raabsuun keenya faayidaa maalii qaba?

4. Barruulee raabsuuf sagantaa akkamitti baasuu dandeenya?

5. Barruulee raabsuuf carraawwan kamiif dammaqoo ta’u qabna? Kana gochuufoo maaltu nu gargaaruu danda’a?

6. Barruulee turan akka gaariitti itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi