Walga’iiwwan Gumiitiif—Sagantaa Maatii Qabaadhaa
1 Kiristiyaana ijoollee qabu yoo taate, ijoolleen kee Yihowaa akka jaallataniifi akka isa tajaajilan, gara fulduraattis addunyaa haaraa Waaqayyoo abdachiise keessattis jireenya bara baraa akka argatan ni hawwita. Ijoolleen kee jireenyasaanii keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif dursa akka kennan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Karaan inni guddaan fakkeenya isaaniif ta’udha. (Fak. 20:7) Fakkeenya haadhashee yaadachuudhaan obboleettiin tokko: “Gumii deemuun keenyaafi dhiisuun keenya tasumaa dhimma gaaffii keessa galu hin turre” jechuudhaan dubbatteetti. Kun jireenyasheerratti dhiibbaa guddaa geessiseera.
2 Miseensonni maatii kee kaayyoo walga’iiwwan gumii ni hubatuu? Qajeelfamni walga’iiwwan kanarratti argannu, jaalala Waaqayyoo gochuu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessa; obboloota keenyaa wajjin walga’uun keenyas jajjabina hammana hin jedhamne nuuf argamsiisa. (Isa. 54:13; Rom. 1:11, 12) Haata’u malee, kaayyoon walga’iiwwan kanaa inni guddaan, “walga’ii keessattis” Yihowaa faarsuudhaafi. (Far. 26:12) Walga’iiwwan Kiristiyaanaa jaalala Yihowaadhaafi isa waaqessuuf qabnu argisiisuuf carraa nuu kennu.
3 “Haleelaa Ilaalladhaa!”: Dinqisiifannaan walga’iiwwan kaayyoo qulqulluu qaban kanaaf, wantoota baay’ee barbaachisaa hin taaneef jennee suuta suutaan walga’ii hafuu amala akka hin godhannetti ‘haleellee ilaallachuuf’ nu gargaara. (Efe. 5:15, 16; Ibr. 10:24, 25) Yeroo maatii keessaniif sagantaa baastan, walga’iiwwan gumiirraa jalqabuu dandeessu. Sochiiwwan kan biraa sagantaa keessan akka isin duraa hin gufachiisne of eeggadhaa. Maatii keessan keessatti walga’iiwwan gumiirratti argamuun wanta dursi kennamuuf ta’uu qaba.
4 Obboloonni keenya walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan gurguddaarratti argamuuf jecha, gufuuwwan adda addaa mo’usaanii ennaa dubbisnu nuyis akkas gochuuf hin kakaanuu? Gufuun si mudatu hamma sana ta’uu baatuyyuu, haalli rakkisaan si mudachuunsaa hin oolu. Seexanni, sabni Waaqayyoo Yihowaa waaqeessuun ulfaataa akka itti ta’u gochuusaa ittuma fufa. Haata’u malee, ijoolleen kee maatiin keessan walga’iiwwan gumiirratti argamuuf carraaqqii godhu kan hubatan ta’uusaanii hin shakkin. Dhugumaan, akkas gochuudhaan, kennaa hafuuraa tasumaa hin irraanfatamne isaaniif kennuu dandeessa.