LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/05 ful. 3
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 7/05 ful. 3

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman, Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota; Fulbaana: Birooshura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu; Onkololeessa: Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!

◼ Fulbaanaa kaasee haasawaan sabaa daawwattoota olaanaa aanaatiin kennamu, mata-dureensaa: “Macaafa Qulqulluudhaan Geggeeffamuu kan Qabnu Maaliifi?” kan jedhu ta’a.

◼ Babal’istoonni yeroo muraasaaf gumiirraa fagaatanii turan gumii dhufuu yeroo jalqabanitti, barreessitoonni gumii qajeelfama kanaa gaditti argamu akka hojiirra oolchan yaadachiisna. Babal’istoonni sababii garaa garaatiin gabaasa tajaajilaasaanii utuu hin deebisin hafuusaaniitiin gabaasisaanii kaardiisaaniirratti utuu hin galmeeffamin akka hafe yoo hubattan, gabaasa tajaajilaasaanii akka isinitti kennana gaafachuun barbaachisaadha. Kaardiisaanirratti utuu hin guutamin kan hafe kan ji’a tokkoo olii yoo ta’e, qofa qofaatti ji’a ji’asaatiin deebisuu qabu. Gabaasa tajaajilaa ji’oota adda addaa bakka tokkotti eda’anii deebisuun sirrii miti. Gabaasiwwan tajaajilaa utuu hin ergamin hafan kun lakkoofsa babal’istoota gumichaa wajjin walitti eda’amanii gabaasa gumii ji’a itti aanuu (S-1) wajjin ergamuu qabu. Waggaan tajaajilaa kun utuu hin raawwatamin dura gabaasawwan tajaajilaa turanii ga’an hundaa erguun barbaachisaadha.

◼ Foormiiwwan iyyata qajeelchaa, guyyaa tajaajilli kun itti jalqabamuu kaasee yoo xinnaate guyyoota 30 dura, gara waajjira dameetti ergamuu qaba. Barreessaan gumichaa sirriitti guutamuusaanii irra deebi’ee ilaala. Iyyattoonni guyyaa itti cuuphaman hin yaadatan taanaan, guyyaasaa tilmaamuufi fuldurattis isumatti fayyadamuu qabu. Barreessaan gumichaa guyyaa sana kaardii Galmee Babal’istoota Gumiirratti (S-21) barreessuu qaba.

◼ Barreessitoonni gumii qajeelchaan yeroo guutuu Xalayaa Muudama Qajeelchaa Yeroo Guutuu (S-202) qabaachuusaa mirkaneessaa. Yoo hin qabu ta’e waajjira damee gaafachuu dandeessu.

◼ BARREEFFAMAWWAN HAARAA NU HARKATTI ARGAMAN: Afaan Arabaa: Gara Yihowaatti Dhihaadhu, Saba Qindaa’e; Afaan Chaayinaa: Addunyaan Kun Badiisarraa Oolaa Laata? (T-19); Ingiliffa: Kitaaba Waggaa 2005, Jildii Masaraa Eegumsaa 2004, Mana Kitaabaa Masaraa Eegumsaa 2004 siidiidhaan qophaa’e; Afaan Faransaay: Kitaaba Waggaa 2005, Jildiiwwan Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! 2004.

◼ AMMAS NU GA’U JENNEE KAN EEGNU: pilaastikii kaardii qomarratti maxxanfamu, pilaastikii kaardii naannoo tajaajilaa ittiin qabatamu; Amaariffa: Gara Yihowaatti Dhihaadhu, Jaalala Waaqayyoo Raawwachuuf Gurmaa’uu, Raajii Daani’el, Raajii Isaayaas; Arabiffa: Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa; Ingiliffa: Gara Yihowaatti Dhihaadhu, Seenaa Macaafa Qulqulluu, Uumaan Siif Yaadu Jiraa? Waaqayyoon waaqeffadhu, Kitaaba Faarfannaa (isa xinnaa), Dammaqinaan Eegaa!, Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?, Misraachoo Saba Hundaatiif Ta’u, Addunyaa Kana Kan Bulchu Eenyu? (T-22); Viidi’oo Kaasseettii: Hiriyoota Dhugaa; Afaan Faransaay: Gaaffii Dargaggootaa, Dammaqinaan Eegaa!; Afaan Xaaliyaanii: Gaaffii Dargaggootaa; Tigriffa: Dammaqinaan Eegaa!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi