Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Hagayya 29, 2005 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban Adoolessa 4 hanga Hagayya 29, 2005rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Waa’ee abdii keenyaa warra kaanitti ennaa himnu, ‘Sababi qabeeyyii ta’uun keenya namoota hundumaa biratti akka beekamu’ gochuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (Filp. 4:5; Yaq. 3:17, NW) [be ful. 251 key. 1-3, saanduqa]
2. Sababi qabeeyyii ta’uu kan qabnu yoom akka ta’e beekuun keenya, bu’a qabeeyyii ta’uuf kan nu gargaaru akkamitti? [be ful. 253 key. 1-2]
3. Warri kaan waan irratti mari’annu sana akka hubatu gargaaruuf, gaaffiiwwaniin akka gaariitti gargaaramuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? [be ful. 253 key. 3-4]
4. Haasawaa keenya kan namoota amansiisu gochuuf wantoonni hubachuu qabnu maalidha? [be ful. 255 key. 1-4, saanduqa; ful. 256 key. 1, saanduqa]
5. Yaadni Macaafa Qulqulluurra jiru dhugaa ta’uusaatiif, ragaawwan Caaffata Qulqullaa’oon ala ta’an dhiheessuu yommuu barbaannu maal yaadachuu qabna? [be ful. 256 key. 3-5, saanduqa]
HAASAWAA LAK. 1
6. Yesus yeroo tokkotti lafarra kan ture ta’uusaatiif ragaa amansiisaa maaliitu jira? [w03 6/15 ful. 4-7]
7. ‘Dubbiin warra qajeelotaa kan isaan oolchuufi’ mannisaanii ‘jabaatee kan dhaabatu’ akkamitti? (Fak. 12:6, 7) [w03 1/15 ful. 30 key. 1-3]
8. Macaafni Qulqulluun, wanta gochuu qabnuufi gochuu hin qabne hundaa waan hin tarreessineef, ‘jaalalli gooftaa maal akka ta’e hubachuu’ kan dandeenyu akkamitti? (Efe. 5:17) [w03 12/1 ful. 21 key. 3–ful. 23 key. 1]
9. Namni tokko hiyyummaan ykn rakkinni dinagdee yoo isarra ga’e, hojiirra yoo oolche seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kamfaatu isa gargaaruu danda’a? [w03 8/1 ful. 5 key. 2-5]
10. Yihowaan kennaa kan nuuf kenne gatii malee ta’uunsaa kan nu tuquu qabu akkamitti? (Mat. 10:8) [w03 8/1 ful. 20-22]
DUBBISA MACAAFA QULQULLUU
11. Mana Qulqullummaa Solomoon ijaare fuldura kan jiran, utuboonni lamaan “Yaakiin” fi “Boaz” jedhaman maal kan argisiisan turan? (1 Mot. 7:15-22) [it-1 ful. 348 key. 2]
12. Solomoon, Mootii Xiiros kan ture Hiiraamiif magaalota 20 Galiilaa keessatti argaman kennuunsaa Seera Musee wajjin kan wal simu turee? (1 Mot. 9:10-13)
13. “Namni Waaqayyoo tokko” ajajamuu diduusaarraa maal barachuu dandeenya? (1 Mot. 13:1-25)
14. Mootii Yihudaa kan ta’e Aasaan ija jabeessa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? Isarraahoo barumsa maalii arganna? (1 Mot. 15:11-13)
15. Haalli Ahaab Mootichaafi Naabot waa’ee ofii qofa yaaduun balaa qabaachuusaa kan argisiisu akkamitti? (1 Mot. 21:1-16)