Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman, Hagayya: Birooshuuroota; Fulbaana: Dammaqinaan Eegaa!; Onkoloolessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!; Sadaasa: Kitaaba Beekumsaa.
◼ Jiini Onkoloolessaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn namni inni ramade, Fulbaana 1 ykn baay’ee utuu irraa hin fagaatin herrega gumii sakatta’uu qaba. Qarshiin suphaafi ijaarsaaf qofa baankii kaa’ame yoo jiraates sakatta’uuf qophiin godhamuu qaba. Kun godhamee yoo raawwate, gabaasa herregaa itti aanutti gumiif beeksifamuu qaba.
◼ Namootaaf xalayaa dhuunfaa ennaa erginu, teessoo waajjira dameetti fayyadamuun keenya sirrii akka hin taane isin yaadachiisuu barbaanna. Kana jechuunis, xalayaa hundumaa jechuunis, namoota fedhii qabaniif dhugaa ba’uuf jennee barreeffama yommuu isaaniif erginu, warra manaa dhabneefis ta’e warra bakka fagootti argamaniif ennaa barreessinu jechuudha. Babal’isaan tokko, tajaajillisaa dhuunfaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu waan dabalatuuf, teessoo dhuunfaasaatti gargaaramuu danda’a. (Mat. 28:19, 20; Rom. 10:14, 15) Haata’u malee, yeroo xalayaadhaan dhugaa ba’u teessoo dhuunfaasaa kennuun sirrii yoo isatti fakkaachuu baate, maqaasaa fi teessoo Galma Mootummaatti fayyadamuu danda’a.—Saanduqa Gaaffii Tajaajila Mootummaa Sadaasa 1996 ilaali.
◼ Lakkoofsi barreeffamaafi barruulee waggaa waggaan godhamu, hanga danda’ametti Hagayya 31, 2005 ykn baay’ee utuu irraa hin fagaatin godhamuu qaba. Lakkoofsi kun lakkoofsa qindeessaan barreeffamaa ji’a ji’aan godhuu wajjin wal fakkaata. Qindeessaan barreeffamaa ida’ama dimshaashaa barreeffamootaa, foormii Lakkoofsa Barreeffamootaa (S-18-AM) irratti guutuu qaba. Lakkoofsi ida’ama dimshaashaa barruulee harkatti argamanii tajaajiltoota barruulee harkatti argamuu qaba. Barreessaan gumii qindeessaa, lakkoofsa kana olaantummaadhaan to’achuu qaba. Inniifi sassaabaan ilaaltuu olaanaa gumii qindeessaa formicharratti mallatteessu. Tokkoon tokkoon gumii qindeessaa foormii Lakkoofsa Barreefamaa (S-18-AM) sadiitu ga’a. Koppii isa duraa guutaatii Fulbaana 6 dura gara damee biirootti ergaa. Koppii lammaffaa galmee keessan keessa kaa’a. Koppii sadaffaammoo yeroodhaaf kan itti guuttan ta’uu danda’a.
◼ Gumiiwwan Kaaleendarii Dhugaa Baatota Yihowaa 2006, Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaan Qoruu—2006fi Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2006 ajaja barreeffamaa itti aanurratti gaafachuu jalqabuu qabu.