Sagalee Tokko Malee Dhugaa Ba’uu
1 Uumamni Yihowaa, sagalee tokko malee waa’ee amalawwansaa warra hin argamnee baay’ee dubbatu. (Far. 19:1-3; Rom. 1:20) Haaluma wal fakkaatuun, amalli keenya inni gaariiniifi akkaataan uffannaa giddu galeessa ta’e, sagalee tokko malee dhugaa ba’a. (1 Phe. 2:12; 3:1-4) Hundi keenya amala gaarii qabaachuudhaan “barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mul’atu gochuudhaaf” fedhii qabaachuu qabna.—Tit. 2:10.
2 Ilmaan namaa gonkummaa hin qabne, barumsiwwan Macaafa Qulqulluu akka namatti tolu gochuu kan danda’an akkamitti? Kun kan danda’amu, karaa qajeelfama Sagalee Waaqayyoofi humna hafuura qulqulluudhaan qofadha. (Far. 119:105; 143:10) “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba.” (Ibr. 4:12) Sagaleen Waaqayyoo gadi fageenyaan nu keessa lixuudhaan namummaa haaraa akka uffannu nu gargaara. (Qol. 3:9, 10) Hafuurrii qulqulluun amalawwan gaarii akka arjummaa, gaarummaa, garraamummaafi of dhowwuu akka horannu nu gargaara. (Gal. 5:22, 23) Nuyi dhuunfaadhaan Sagaleeniifi hafuurri Waaqayyoo jireenya keenya keessatti akka hojjetu gochaa jirraa?—Efe. 4:30; 1 Tas. 2:13.
3 Warri Kaan Ni Hubatu: Ulaagaalee Yihowaan baaseen ennaa jiraannuufi amalawwansaa calaqqisuuf yeroo carraaqnu, warri kaan ni hubatu. Fakkeenyaaf, namicha gabaabbachuusaatiin kan ka’e warri wajjin hojjetu itti ga’isan tokko haa ilaallu. Dhugaa Baatuun waajjira sana keessatti hojjettu tokko garuu yeroo hundumaa ulfina laattiif turte. Innis, isheen warra kaanirraa maaliif adda akka taate ishee gaafate. Isheenis amala gaarii argisiisuu kan dandeesse, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuusheetiin akka ta’e ibsiteef. Akkasumas, abdii gammachiisaa waa’ee Mootummaa Waaqayyoo dubbatu itti himte. Namichis qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabee guddina argisiisuudhaan cuuphameera. Yeroo biyya dhalootasaatti deebi’u, firoonnisaa amala gaarii inni horateen waan dinqisiifamaniif baay’eensaanii dhugaa fudhataniiru.
4 Bakka hojiitti, mana barumsaatti, ykn yeroo firootaafi ollaawwan keenyaan wal arginu, amala gaarii argisiisnuufi lallaba keenyaan, warri kaan Waaqayyoof ulfina akka fidan gochuu dandeenya.—Mat. 5:16.