Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Bitootessa: Kitaabni haaraan Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kan raabsamu yeroo ta’u, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Eblaa fi Caamsaa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaatu! raabsama. Deddeebii gaaffii yeroo gootan Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu raabsaa. Waxabajjii: Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu.
◼ Kana booda, sagantaan qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Tajaajila Mootummaarratti utuu hin ta’in Masaraa Eegumsaa fuula lammaffaarratti kan ba’u ta’uusaa isin beeksifna.
◼ Xalayaa Muddee 13, 2005 gumiiwwan hundaaf ergamerratti Masaraan Eegumsaa kutaa qayyabatamuufi matadureewwan tokko tokko qabatee akka baˈu isin beeksifnee turre; haataˈu malee, yeroodhaaf barruun kun kutaa qayyabatamu qofa kan qabate ta’uusaa isin beeksifna. Kanaaf, gumiiwwan Masaraa Eegumsaa afaan Oromootiin qophaa’e argachuu barbaadan hundi baayˈina barruu barbaadan atattamaan karaa gumiisaanii gaafachuu qabu.
◼ Jiini Eblaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Ayyaanni Yaadannoo Roobii, Ebla 12, 2006 kabajama. Gumiin keessan Roobii walga’ii kan qabu yoo ta’e, walga’ii kana guyyaa gara biraa Galma Mootummaatti walga’iin hin godhamnetti jijjiiruu dandeessu. Kun kan hin danda’amneefi walga’ii tajaajilaa keessan kan isin duraa hambisu yoo ta’emmoo, kutaawwan baay’ee barbaachisaa ta’an walga’ii tajaajilaa yeroo gara biraa godhamurratti dabaltanii dhiheessuu dandeessu.
◼ Matadureen haasawaa addaa tibba Ayyaana Yaadannoo 2006tti dhihaatu, “Ammayyuu Dhimmawwan Biyya Lafaa Kan To’atu Waaqayyodhaa?” kan jedhu ta’a. Haasawaan sabaa addaa kun Dilbata, Ebla 30 dhihaata. Gumiiwwan torban sanatti daawwannaa ilaaltuu olaanaa, walga’ii addaa yookiin aanaa qaban haasawaa sabaa addaa kana torban itti aanutti dhiheessuu danda’u. Gumiin kamiyyuu haasawaa addaa kana Dilbata, Ebla 30 dura dhiheessuu hin danda’u.
◼ Gumiiwwan, barruuleen Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! haaraan akkuma isaan ga’aniin obbolootaaf kennuu qabu. Kana gochuunsaanii, babal’istoonni barruulee kana raabsuusaanii dura akka dubbisan isaan gargaara. Tajaajilli Mootummaas akkuma dhufeen babal’istootaaf kennuun gaarii yeroo ta’u, kanas Qayyabannaa Kitaabaarratti kennamuun ni danda’ama.
◼ Walga’ii tajaajilaa ji’a Caamsaa godhamurratti viidiyoo Nohi Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’e jedhutu ilaalama. Viidiyoo kana argachuu yoo barbaadan atattamaan karaa gumii keessanii ajajuu dandeessu.
◼ Ajajni barreeffamaa babal’istoonni dhuunfaadhaan ergan Waajjira damee biratti fudhatama hin qabu. Ajajni barreeffamaa ji’a ji’aan gara waajjira dameetti utuu hin ergamin dura, babal’istoonni barreeffamoota dhuunfaadhaan ajajaman argachuu barbaadan, tajaajilaa barreeffamaatti himuu akka danda’aniif, sassaabaan ilaaltuu olaanaa ji’a ji’aan beeksisni akka himamu gochuu qaba. Barreeffamoonni ajaja addaatiin argaman warra kam akka ta’aan hin irraanfatinaa.
◼ Yeroo kamittiiyyuu biyya gara biraa yommuu dhaqxan, walga’iiwwan gumii, aanaa, addaa ykn koonyaarratti argamuuf karoora yoo qabaattan, guyyaa, sa’aatiifi bakka walga’iin itti geggeeffamu beekuu yoo barbaaddan, waajjira damee hojii biyya sanaa olaantummaadhaan hordofu gaafachuu qabdu. Teessoowwan waajjiroota damee dhuma fuula Kitaaba Waggaa dhiheenyatti ba’erraa argamu.