LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/06 ful. 7
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 5/06 ful. 7

Beeksisa

◼ Barreeffamoota raabsaman Caamsaa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu raabsaa. Waxabajjii: Barumsa Macaafa Qulqulluu; Gammachuu Maatii (Amaariffa) Adoolessaafi Hagayya: Birooshuuroota.

◼ Jiini Adoolessaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.

◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn namni inni ramade, Waxabajjii 1 ykn utuu baay’ee isarraa hin fagaatin herrega gumii sakatta’uu qaba. Qarshiin suphaafi ijaarsaaf baankii kaa’ame yoo jiraates akka sakatta’amu qophiin godhamuu qaba. Kun godhamee yeroo raawwatamutti, gabaasa herregaa itti aanuu wajjin gumiif beeksifamuu qaba.

◼ Barreeffamoota afaanota adda addaatiin qophaa’aniifi haalawwan tokko tokkootti itti fayyadamuuf isin gargaaran qabna. Kanneen keessaas: Kakuu Haaraa, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, Arabiffaan; birooshuura Barabaraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu! Sumaalee; Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? fi birooshuuroota kan biraa Hindi; kitaaba Beekumsaa, Barumsa Macaafa Qulqulluu Nuweer; kitaaba Beekumsaa, Maan Kaayindis Sarch For Good, Gammachuu Maatii Ispaanish; kitaaba Kiriyeeshin fi barreeffamoota kan biraa Chaayinaan. Barreeffamoota armaan olitti caqasaman amma gumii keessaniif barbaachisu ajajuu dandeessu.

◼ Namoota qaroonsaanii hin argineefi Ingiliffa dubbisuu danda’aniif barreeffamni Bireeyiliin qophaa’e jira. Barreeffamoota kana ilaalchisee ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadan xalayaadhaan gaafachuu dandeessu.

◼ Babal’istoota yeroo dhihoo asitti cuuphamaniifi koppii dhuunfaasaanii hin qabne, barreeffamoota armaan gaditti argaman ajajachuu akka danda’an yaadachiisna: Kitaaba Waggaa 2003 (Ingiliffa), Dhugaa Baatota Yihowaa Itoophiyaa Hawwitoota Birmaduu (Itoophiyaatti akkamitti akka hundeeffaman ilaalchisee seenaa Amaariffaan qophaa’e), Mana Barumsaafi Dhugaa Baatota Yihowaa (Amaariffa). Ijoollee barattoota ta’an kan qabdan yoo ta’e, ijoolleen keessan koppii dhuunfaasaanii akka qabaatan godhaa. Barreessitoonni gumii, barreeffamoota barbaachisan ajajuu danda’u.

◼ Foormiiwwan iyyata qajeelchaa, guyyaa tajaajilli kun itti jalqabamuu kaasee yoo xinnaate guyyoota 30 dura, gara waajjira dameetti ergamuu qaba. Barreessaan gumichaa sirriitti guutamuusaanii irra deebi’ee ilaala. Iyyattoonni guyyaa itti cuuphaman hin yaadatan taanaan, guyyaasaa tilmaamuufi fuuldurattis isumatti fayyadamuu qabu. Barreessaan gumichaa guyyaa sana kaardii Galmee Babal’istoota Gumiirratti (S-21) barreessuu qaba.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi