LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/06 ful. 8
  • Ilaalcha Kiristiyaanonni Dhagna Qabaadhaaf Qaban

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ilaalcha Kiristiyaanonni Dhagna Qabaadhaaf Qaban
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 5/06 ful. 8

Ilaalcha Kiristiyaanonni Dhagna Qabaadhaaf Qaban

1 Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhama’aa!” (2 Phe. 3: 14) Dhugaa Baatonni Yihowaa gorsa kana fudhachuudhaan, aadaa dhagna qabaa wajjin wal qabate dabalatee aadaawwan Kiristiyaanotaaf hin taanerraa ni fagaatu.

2 Macaafni Qulqulluun dhagna qabaa dhiirotaa hin dhowwu. Dhagna qabaan Seera Yihowaan Israa’elootaaf kenne keessaa tokko yeroo ta’u, hanga du’a Yesusitti dhiirri dhagna hin qabamne akka xuraa’aatti ilaalama ture. Haata’u malee, Seerichi ‘adabduu isa gara Kiristositti geessu’ ture. Yeroo ammaatti dhiirri tokko dhagna qabamuunsaa Waaqayyo duratti fudhatama adda ta’e isaaf hin argamsiisu; akkasumas ulaagaa Kiristiyaana tokkorraa eegamu miti.—Gal. 3: 24; 5:6.

3 Kanaafuu, tarii warri sababii fayyaatiif ilmaansaanii dhagna qabsiisuu yoo barbaadan mirgasaaniiti. Haata’u malee, naannoo tokko tokkotti namoonni guyyaa tokko murteessanii ilmaansaanii warra umriinsaanii walitti dhihaatu dhagna qabsiisu. Yeroo sanattis cidha qopheessanii sirbaafi shubbisaan ijoollee dhagna qabamaniif ulfina kennu; kana kan godhanis hawaasa keessatti bakka olaanaa isaaniif hawwuudhaani. Gochi akkasii kun maddisaa amantii waan ta’eef, Kiristiyaanni tokko gochawwan Waaqayyoof ulfina hin argamsiisne akkasiirratti hirmaachuunsaa sirrii miti.

4 Ijoollee durbaa dhagna qabuunoo sirriidhaa? Aadaan akkasii keessumaa biyyoota Afriikaa hedduutti baay’ee beekamaadha. Dhagna qabaan kun karaa adda addaatiin kan raawwatamu ta’uyyuu, hundumtisaa ijoollee durbaarratti miidhaa guddaafi barbaachisaa hin taane kan geessisudha. Gaazexaan tokko akkas jedha: “Durbi tokko yeroo dhagna qabamtu, baay’ee ishee dhukkuba, ni hoollatti, dhiiga baay’eetu dhangala’a, qaamonni biraan naannoo sanatti argaman miidhamuu danda’u, akkasumas baay’ee madaa’uufi du’uu dandeessi.” Kiristiyaanonni ijoolleesaanii rakkina akkasiitiif saaxiluu akka hin barbaanne beekamaadha! Kanarra darbees ijoollee durbaa dhagna qabuun waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf gocha akkasiirraa fagaachuu qabna.

5 Yihowaan dubartiin tokko abbaa manaashee wajjin saalqunnamtii akka raawwattu kan uume yeroo ta’u, durba tokko dhagna qabuun garuu fedhiishee kana balleessuu danda’a. Durbi tokko dhagna yoo qabamte hanga heerumtutti durbummaadhaan turuu dandeessi jedhamee yaadama. Haata’u malee, durbi tokko durbummaashee eegdee akka jiraattu kan gargaaru qaamashee muruu utuu hin ta’in seerawwan bu’uuraa Kiristiyaanummaa barsiisuudha. Dammaqaan! Onkoloolessa 1993 akkas jedha: “Gochi dogoggora ta’e kan ittifamu barumsaan malee kutaa qaamaa kutuudhaan miti. Fakkeenyaan ibsuuf: Ijoollee xixinnoon yeroo guddatan hattuu akka hin taaneef harkasaanii ni kunnaa? Yookiinimmoo gara fuulduraatti wanta gadhee akka hin dubbanne jennee arrabasaanii ni kunnaa?” Ijoollee durbaa dhagna qabsiisuun gocha balaa geessisu ta’uusaarrayyuu, lubbuu namaatti akka itti gaafatamnu nu gochuu danda’a.— 1 Sen. 11:17-19; Far. 51:14.

6 Namni aadaa gocha gara jabinaa kana deggeru hundi, Yihowaa isa ‘burqaa jireenyaa’ ta’eefi ‘kennaa gaarii hundumaa’ nuu kennu tuffachuusaa argisiisa. (Far. 36:9; Yaq. 1: 17) Kana malees gochi akkasii seeraan kan dhowwame waan ta’eef, Kiristiyaanonni gocha akkanaarraa fagaachuuf sababii kan biraas qabu. Amma Kiristiyaana ta’anitti seerawwan mootummaa kabajuu qabu. (Rom. 13:1) Kiristiyaanonni ijoolleensaanii dhagna qabsiisan gumii keessatti mirga tajaajilaa adda ta’e argachuu hin danda’an. Obboleettiin gochi kun akka isheerratti raawwatamu fedhiidhaan of dhiheessites mirga akkasii hin argattu.

7 Yihowaa kan tajaajillu addunyaa isa hin beekne keessatti waan ta’eef, haala dhagna qabaa wajjin wal qabateen rakkoon uumamuu danda’a. Haata’u malee, akkaataa jireenya keenyaatiin Yihowaadhaaf ulfina kenninee ‘jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguudhaan jireenya bara baraa eeggachuu’ dandeenya.—Yih. 21; 2 Phe. 3: 13.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi