Jaalala Dur Qabdan Hin Dhiisinaa
1 Yesus inni ulfina gonfate gumii Efeson isa jaarraa tokkoffaatti ture: “Jaalala isa dur qabda turte sana dhiisuu kee si irratti argadheera” jechuudhaan gorseera. (Mul. 2:4) Ifatti akka mul’atutti, hedduunsaanii jaalala dur Yihowaadhaaf qaban dhiisanii turan. Jaalalli yeroo dhugaa dhageenye Yihowaafi namootaaf qabnu cimaa waan ta’eef, abdii haaraa arganne hinaaffaadhaan warra kaanitti akka himnuuf nu kakaaseera. Jaalala dur qabnu akka hin dhiisneefi hinaaffaan tajaajilaaf qabnu akka hin qabbanoofne kan nu gargaaru maalidha?
2 Qayyabannaa Dhuunfaa Gochuufi Walga’iirratti Argamuu: Yeroo dhugaa dhageenyetti jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabnu akka guddifannu kan nu kakaase maalidha? Yihowaa ilaalchisee barumsi Caaffata Qulqullaa’aa qo’achuudhaan arganne hundi kana akka goonu nu hin kakaasnee? (1 Yoh. 4:16, 19) Kanaaf, jaalalli keenya “baay’isee itti caalaa akka adeemu” “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” qorachuudhaan beekumsa sirrii argachuu keenya itti fufuu qabna.—Filp. 1:9-11; 1 Qor. 2:10.
3 Guyyoota gara dhumaa dhiphinaan guutaman kana keessatti, qayyabannaa dhuunfaa dhaabbataa ta’e qabaachuun baay’ee ulfaataa ta’uu danda’a. (2 Xim. 3:1) Ta’us, soora hafuuraa argachuuf karoora baasuun dirqamadha. Yeroo ‘guyyaan gooftaa dhi’aachaa adeemu’ kanatti si’a hundaa walga’iiwwan gumiirratti argamuunis haalaan barbaachisaadha.—Ibr. 10:24, 25.
4 Tajaajila: Hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaachuun, jaalala dur Waaqayyoof qabnu eeggannee akka jiraannu nu gargaara. Misiraachicha lallabuun keenya, abdii Yihowaan jaalalasaatiin kaka’ee nuu kenne kan nu yaadachiisu si’a ta’u, kunis abdiin keenya dhugaa akka ta’uufi jaalalli keenya ifatti akka mul’atuuf nu gargaara. Dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuun, dura sirriitti hubannaa argachuuf qorannoo gochuu kan gaafatu yommuu ta’u, kunimmoo amantii keenya nuuf jabeessa.—1 Xim. 4:15, 16.
5 Jaalala keenya dabalatee wanta hunda Yihowaadhaaf kennuun kan maludha. (Mul. 4:11) Jaalalli keessan akka badaa adeemu hin godhinaa. Qayyabannaa dhuunfaa Macaafa Qulqulluu gochuuf dhama’uudhaan, walga’iiwwanirratti yeroo hunda argamuudhaan, akkasumas abdii keessan isa hunda caalaa jaalala qabdaniif hinaaffaadhaan warra kaanitti lallabuudhaan jaalala dur qabdan eeggadhaa.—Rom. 10:10.