LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/07 ful. 3
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
Tajaajila Mootummaa—2007
km 1/07 ful. 3

Beeksisa

◼ Barreeffamoota raabsaman Amajjii: Dammaqinaan Eegaa!; Guraandhalaafi Bitootessa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Ebla: Barruulee (Amaariffa); Deddeebii gaaffii si’a gootan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu raabsaa.

◼ Guraandhalaa kaasee hanga Bitootessa 4⁠tti, haasawaan sabaa ilaaltota olaanaa aanaatiin dhihaatu, matadureensaa “Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu Keessa Jiraachuuf Ga’eessota Kan Ta’an Eenyufa’i?” kan jedhu ta’a.

◼ Sagantaan Viidiyoo Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhamu, Walga’ii Tajaajilaa ji’a Eblaatti irratti mari’atama. Viidiyoo kana argachuu yoo barbaaddan atattamaan karaa gumii keessanii ajajuu dandeessu.

◼ Qubee afaan Chaayinaa lamaan Barreeffamoota keenya ni maxxanfamu. Namoonni Hoong Koongiifi Taayiwaan barreeffamoota isaan biratti baramaa ta’e, jechuunis afaan “Chinese” (CH) jedhamu dubbisu. Namoonni Chaayinaa baay’eenimmoo barreeffama salphataa “Simplified Chinese” (CHS) jedhamu dubbisuu danda’u. Namichi kan dubbatu loqoda afaan Kaantaneez, Maandarin ykn kan biraa ta’uu waan danda’uuf afaan inni dubbatu qubee inni dubbisurraa adda ta’uu danda’a. Kanaaf barreeffama kam akka dubbisuu danda’u gaafannee kennuufii dandeenya. Qubeen buukleetii Misiraachoo Saba Hundaaf Ta’u jedhamu ful. 13-14⁠rra jiru kana wal bira qabnee ilaaluuf nu gargaara. Akkaataa kanaan, barreeffamni qubee barbaadameen qophaa’e gaafatamuu danda’a.

◼ Gumiiwwan Ayyaana Yaadannoo Wiixata, Ebla 2 erga biiftuun lixxee booda kabajamuuf qophii barbaachisaa ta’e gochuu qabu. Haasichi dursee jalqabamuu danda’us, maxinoofi wayiniin garuu biiftuun utuu hin lixin naanneffamuu hin qabu. Naannoo keessanitti namoota yeroo biiftuun itti lixxu beekan gaafadhaa. Gumiiwwan hundi Ayyaana Yaadannoo kana mataa mataasaaniitti akka kabajan isaan jajjabeessina. Haata’u malee, kun yeroo hundumaa salphaa ta’a jechuu miti. Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan hedduun kan fayyadaman yoo ta’e, galgala sanaaf gumiin tokko ykn lama galma Ayyaana Yaadannoo itti godhan garabiraa barbaaddatu ta’a. Kan ayyaanicharratti argaman hundi saganticharraa guutummaatti akka fayyadamaniif, danda’amnaan sagantaawwan gidduutti yoo xinnaate daqiiqaan 40⁠ni utuu dhiifamee gaarii ta’a. Keessummoota fiduufi geessuu dabalatee, iddoon konkolaataan itti dhaabatus xiyyeeffannaa keessa galuu qaba. Qaamni jaarsolii, qindoominni gumichaaf mijaa’aa ta’u kam akka ta’e ni murteessa.

◼ Barreessitoonni gumii xalayaa muudama qajeelchaa yeroo guutuu (S-202) jedhamu qajeelchitoota gumichaa hundaaf qabaachuusaa mirkaneessuu qabu. Yoo hin qaban ta’e barreeffamaan waajjira damee gaafachuu dandeessu.

◼ Gumiiwwan barruuleen turanii isaan ga’an, barruu caqasni waggaa irratti ibsame jechuunis Masaraan Eegumsaa Muddee 2006 akkuma isaan ga’een qayyabachuuf sagantaa baasuu qabu.

◼ Darbee darbee namoonni ykn gumiiwwan tokko tokko buusii Galma Mootummaasaaniitiif godhamuun alatti, Galmawwan Mootummaa addunyaa maratti ijaaraman gargaaruuf buusii gochuu barbaadu ta’a. Buusiin kaayyoo kanaaf yaadamee godhame hundi, ”Buusii ijaarsa Galma Mootummaa addunyaa maraaf godhame” jedhamee ergamuu danda’a. Buusiin qarshii dhimma kanaaf oolu, foormii (S-20) jedhurraa bakka duwwaatti ibsamee ergamuu qaba.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi