Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Caamsaa: Barruulee. Deddeebii gaaffii yeroo gootan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu raabsaa. Waxabajjii, Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota.
◼ Hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruuf bakka walga’ii koonyaatti buusiin cheekiidhaan kennamu, akkasumas warri waajjira dameetti ergan, “Yeyihowa Misikiroch” jedhamee akka kaffalamu ibsuu qabu.
◼ Kitaaba Koo Isan seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu maxxansi afaan Amaariffaan irra deebi’ee ba’e xumura kitaabichaarratti gaaffii qabateera. Kunis Macaafa Qulqulluu barsiisuuf gumaacha gaarii akka kennu hin shakkisiisu.
◼ Qaamni jaarsolii xalayaa Adoolessa 6, 2006 (Amaariffaan) yeroo balaan uumamaa ga’utti qophii godhamuu qabu ibsu ergamerratti hundaa’uudhaan, odeeffannoo teessoo haaraa tokkoo tokkoo babal’istootaa qabaachuusaanii mirkanaa’oo ta’uuf xalayicha irra deebi’anii ilaaluu qabu. Bakki sun naannoo balaan ga’u keessatti argama taanaan, akka tasaa balaan yeroo ga’u obboloota dafanii qunnamuuf odeeffannoo dabalataa argachuu qabdu. Balaa ariitiidhaan ga’anis dabalatee, boqonnaaf ykn hojii daldalaaf, dhukkubsatanii ennaa mana yaalaa turan, akkasumas sababa kan biraatiif si’a naannoorraa fagaatanii deeman, babal’istoonni ilaaltuu olaanaa Qayyabannaa Kitaabaasaaniitti ykn jaarsa gumii kan biraatti himuunsaanii barbaachisaadha.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKATTI ARGAMAN: Ingiliffa: Kitaaba Waggaa 2007, Faarfannaawwan mp3dhaan; Tigriffa: Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu, Za Rood tuu Eeverlaasting Laayif—Haav Yuu Faawund It?; Walaayitaa: Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Namni Jaallattan Yeroo Du’u.
◼ AMMAS KAN NU HARKATTI ARGAMAN: Amaariffa: Ragaa Dhiheessuu, Dammaqinaan Eegaa!; Afaan Chaayinaa: Barumsa Macaafa Qulqulluu, Ee Buuk for Ool Piippil, Tiraaktii Lak. 14fi 19; Ingiliffa: Kiriyeeshin, Kiri’eetar, kitaaba Raajii Daani’el, Raawwiin Mul’ataa Inni Guddaan Dhihaateera, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Isa Hiika Jechootaa qabu (Rbi8), Ee Buuk for Ool Piippil, Ee Saatisfaaying Laayif, Misiraachoo Namoota Hundumaatiif Ta’u, Gaayidaans oov Good, Dhugaa Baatonni Yihowaa—Eenyu. . . ?, Za Rood tuu Everlaasting Laayif, Tiraaktii Lak. 27, Kingidam Meelodii Lak. 1, 2, 3, 6, 7, 8 CDdhaan, Faarfannaawwan CDdhaan, Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhamu DVDdhaan.