Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota; Fulbaana: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Onkoloolessa: Barruuleefi tiraaktii Lak. 27 (Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!).
◼ Jiini Fulbaanaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Haasawaan sabaa haaraan Fulbaana 2007 kaasee daawwattoonni olaanaa aanaa dhiheessan, matadureensaa, “Macaafni Qulqulluun Sirrii Ta’uusaa Kan Mirkaneessu Maalidha?” kan jedhu ta’a.
◼ Foormiiwwan iyyata qajeelchaa, guyyaa tajaajilli kun itti jalqabamuu kaasee yoo xinnaate guyyoota 30 dura, gara waajjira dameetti ergamuu qaba. Barreessaan gumichaa sirriitti guutamuusaanii irra deebi’ee ilaala. Iyyattoonni guyyaa itti cuuphaman hin yaadatan taanaan, guyyaasaa tilmaamuufi fuuldurattis isumatti fayyadamuu qabu. Barreessaan gumichaa guyyaa sana kaardii Galmee Babal’istoota Gumiirratti (S-21) barreessuu qaba.
◼ Lakkoofsi barreeffamaafi barruulee waggaa waggaan geggeeffamu, hanga danda’ametti Hagayya 31, 2007 ykn baay’ee utuu irraa hin fagaatin godhamuu qaba. Lakkoofsi kun lakkoofsa qindeessaan barreeffamaa ji’a ji’aan godhuu wajjin wal fakkaata. Qindeessaan barreeffamaa ida’ama dimshaashaa barreeffamootaa, foormii Lakkoofsa Barreeffamootaa (S-18-AM) irratti guutuu qaba. Ida’ama dimshaashaa barruulee jiranii tajaajiltoota barruuleerraa argachuu ni danda’ama. Barreessaan gumii qindeessaa, lakkoofsa kana olaantummaadhaan to’achuu qaba. Inniifi sassaabaan ilaaltuu olaanaa gumii qindeessaa foormicharratti mallatteessu. Tokkoon tokkoon gumii qindeessaa foormii Lakkoofsa Barreefamaa (S-18-AM) sadiitu ga’a. Koppii isa duraa guutaatii Fulbaana 6 dura gara waajjira dameetti ergaa. Koppii isa lammaffaa galmee keessan keessa kaa’aa. Koppii isa sadaffaammoo yeroodhaaf kan itti guuttan ta’uu danda’a.