Torban Muddee 14 Jalqabu
Torban Muddee 14 Jalqabu
Faarfannaa 11 (85)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iya. 6-8
Lak. 1: Iya. 8:1-17
Lak. 2: Sodaa Yoon Kufehoo Jedhu Mo’uufi Waaqayyoof Of Murteessuu Kan Qabdu Maaliifi? (bh boq. 18 key. 17-25)
Lak. 3: Lallabni 7:21, 22 Gorsa Gaarii Qabateera Kan Jennu Maaliifi?
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 6 (45)
Daq. 5 Beeksisa.
Daq. 15 Waa’ee Amantiikoo Namootatti Himuun Kan Na Sodaachisu Maaliifi? Haasawaa Dammaqaa! Adoolessa 2009 fuula 24-27rratti hundaa’ee dhihaatu. Hojiin argisiisni, warri Waaqeffannaa Maatii galgalaatti fayyadamuudhaan, mucaansaanii gaaffii mana barumsaatti isaaf dhihaatu akka deebisuuf yeroo isa qopheessan argisiisu akka dhihaatu godhi. Gaaffiiwwan fuula 25rraatti argaman keessaa isa tokkorratti qorannaa godhanii mari’atu; achiis mucichi gaaffichaaf deebii kennuuf isaan biratti shaakala.
Daq. 15: “Miira Ariifannaatiin Lallabaa!” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 4rratti yeroo mari’attan, babal’isaa Mootummichaa hinaaffaadhaan labsu tokkoof gaafannoo kana godhi: Wantoonni biyya lafaarra jiran ba’aa akka sitti hin taaneef tarkaanfiiwwan akkamii fudhatteetta? Miira ariitiitiin lallabuu keetiin bu’aa kan argatte karaawwan kamiini?
Faarfannaa 3 (32)