Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Waggaa tajaajilaa kanatti, lakkoofsa babal’istootaa haaraa 8,692 argachuu keenyatti baay’ee gammanneerra! Jiinii Guraandhalaa gabaabaa yoo ta’ellee, babal’istoonniifi qajeelchitoonni gargaaraan sochii guddaa godhaniiru. Obboloonni hedduun Duula Addaa biyya keenya keessatti geggeeffamee turerratti kan hirmaatan si’a ta’u, muuxannoo gammachiisaa hedduus argataniiru. Babal’istoonni tokko tokko namoonni hedduun waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa caalaatti akka isaan barsiisan walitti qabamanii isaan eeggatan ykn isaan duukaa adeemanii isaan kadhatan isaan mudataniiru! Obboloonni yeroodhaaf qajeelchaa addaa ta’an lama namoota shantamaa ol ta’an Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf dirqamaniiru! Baay’inni namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatanii, isa ji’a Amajjiitti turerra 200 ol dabaluusaa hubachuun keenyas nu gammachiisa. Namoota fedhii argisiisan hundaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisuu keenya itti haa fufnu!