Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Ji’a Eblaatti lakkoofsi babal’istootaa haaraa 8,811 kan ga’e si’a ta’u, isaanis qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 6,600 ta’u geggeessaniiru.
Ammayyuu namoonni hedduun dhugaa beekuuf fedhii akka qaban muuxannoo gaditti ibsamerraa ilaaluun ni danda’ama: Obboloonni ji’a sadiif qajeelchitoota addaa ta’an lama naannoo tajaajilaa haaraafi fagoo kibba dhiha Itoophiyaatti ramadamanii namoota 59 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqaban. Guyyaa Ayyaanni Yaadannoo kabajamutti namoota 70 ta’anii walga’an. Sana booda namoonni hedduun mandarattii keessa jiraatan saba Yihowaatiif ulfina kennuu kan jalqaban si’a ta’u, dubbiisaanii keessattis irra deddeebi’anii jecha “Yihowaan isin haa eebbisu!” jedhutti fayyadamuu jalqaban. Dhuma ji’a sadaffaatti namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turan lama babal’istoota hin cuuphamne kan ta’an si’a ta’u, warri kaanis karaa hafuuraa guddachaa jiru. Kun hundi kan ta’e ji’a sadi gidduuttidha!
Hojii bartoota gochuu jechuunis namoota Macaafa Qulqulluu akka qayyabsiisnu nuu kenname kadhannaadhaan hojjechuu keenya itti haa fufnu!