Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Lakkoofsi babal’istootaa guddaan 8,851 ol ta’uunsaa nu gammachiiseera. Babal’istoota kana keessaa 1,001 kan ta’an qajeelchaa gargaaraa turan. Baay’een keessan yommuu manni barumsaa cufamu, tajaajila keessan guddisuudhaan gammachuu argattaniittu. Hedduun keessan tibba Ayyaana Yaadannoo booda qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan tajaajila keessan bal’isuuf aarsaa kaffaluu keessanitti gammanneerra. Obboloonni ji’a Hagayyaatti qajeelchaa gargaaraa ta’an akka jiran beekamaadha; nuyis gabaasasaa hawwiidhaan eegaa jirra. Ji’a Adoolessaatti namoonni 7,030 Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan beekuun keessanis akka isin gammachiisu beekamaadha. Kanaaf, namoota fedhii qaban amanamummaadhaan hordofnee gargaaruudhaan namoota jaallachuu keenya akka itti fufnu wal haa yaadachiisnu; akkasumas wal haa jajjabeessinu. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuufi babal’istoota hin cuuphamne ta’uuf ga’umsa qabanoo jiruu?