Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Gabaasni tajaajilaa waggaa kanaa guutummaatti kan nu ga’e si’a ta’u, lakkoofsi babal’istootaa kuma sagalirra akka caale yommuu isin beeksisnu gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama. Ji’a Hagayyaatti babal’istoonni 9,009 ta’an gabaasa tajaajilaasaanii deebisaniiru. Waggaa keessatti lakkoofsi babal’istootaa dhibbeentaa 3n dabaleera. Ji’a Hagayyaatti babal’istoonni giddu galeessaan sa’aatii 13.6 tajaajilarratti dabarsaniiru; lakkoofsi qayyabannaas giddu galeessaan 0.4 ture. Waggaa kanatti namoonni 537 ta’an cuuphamaniiru.