LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/13 ful. 3-4
  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
  • Tajaajila Mootummaa—2013
Tajaajila Mootummaa—2013
km 3/13 ful. 3-4

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Obboloota Jaallatamo:

Yihowaa Abbaan keenya inni samii, jaalala argisiisuudhaan fakkeenya guddaa nuu taʼa. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” jedhee kan dubbatu kanaafidha. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan Waaqa Hundumaa Dandaʼu taʼuyyuu, Macaafni Qulqulluun bakka kamittiyyuu “Waaqayyo humnadha” jedhee hin dubbatu. Bulchiinsisaa jaalalarratti kan hundaaʼedha. Akka isatti dhihaannu kan nu godhes amalasaa kanadha!

Yihowaan akka isa tajaajillu kan nu hin dirqisiisne taʼuunsaa nama gammachiisa. Inni abbaa irree miti. Jaalala isaaf qabnuun kakaanee akka isa tajaajillu barbaada. Yommuu akkas goonu, bulchiinsasaa kan deggerru, karaan inni itti bulchu sirriifi jaalalarratti kan hundaaʼe taʼuusaa waan amannuuf akka taʼe argisiisna. Kunis yeroo namoonni uumamanii kaasee ifatti mulʼateera.

Yihowaan Addaamiifi Hewwaan akka isaaf abboomaman dirqisiisuu mannaa, filannoo mataasaanii akka godhaniif carraa isaaniif kenneera. Yihowaa kan jaallataniifi wanta inni isaaniif godhe kan dinqisiifatan utuu taʼee, carraaqqii Seexanni Yihowaarratti akka kaʼaniif godhe moʼuu ni dandaʼu turan.

Yeroo boodammoo, Museen haasaa yeroo dhumaatiif saba Israaʼeliif godherratti, “Ilaa! Ani harʼa wanta gaarii fi jireenya, wanta hamaa fi duʼa isin dura kaaʼeera” jedheera. (Kes. 30:15) Israaʼeloonni akkaataa jireenyaasaanii ilaalchisee filannoo mataasaanii gochuuf mirga qabu turan. Haaluma walfakkaatuun, Iyaasuunis Israaʼelootaan, “Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo fakkaate garuu . . . harʼa eenyuuf akka hojjettan foʼadhaa!” jedhee ture. Isaanis, “Waaqayyoon dhiifnee waaqayyolii biraatiif hojjechuun nuttii haa fagaatu!” jedhanii deebii isaaf kennaniiru. (Iya. 24:15, 16) Nuyis akkasuma nutti dhagaʼama. Yihowaa waan jaallannuuf, isa dhiisuun ‘nurraa haa fagaatu!’

Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, mirgi filannaa maalfaa akka dabalatu sirriitti beekna. Jaarsoliin gumii gorsaafi adaba kennuuf aboo yoo qabaataniyyuu, jireenya ykn amantii warra kaanii toʼachuu hin barbaadan. Phaawulos ergamaan, “Isin amantiitti jabaattanii waan dhaabattaniif, isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna malee, nuyi amantii keessan irratti gooftummaa argisiifna jennee miti” jedhee barreesseera.​—2 Qor. 1:24.

Wanta tokko dirqamnee utuu hin taʼin, fedhiidhaan kakaanee raawwachuun keenya baayʼee nu gammachiisa! Yihowaan jaalalaan kakaanee wanta gaarii akka raawwanu nu afeera. Kun barbaachisaa taʼuunsaa yaada Phaawulos hafuuraan geggeeffamee, “wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, homaa waaʼee anaaf hin baasu” jechuudhaan dubbaterratti ifatti mulʼateera.​—1 Qor. 13:3.

Yihowaan, obboloonni miliyoonaan lakkaaʼaman jaalala garaarraa maddeen kakaʼanii yeroo isa tajaajilan arguunsaa baayʼee isa gammachiisa!

Yihowaanis, ijoolleefi dargaggoota dabalatee, tajaajiltootasaa warra biyya lafaa jaallachuufi amala ofittummaa biyyi lafaa jajjabeessu hordofuu mannaa, Waaqayyoon akka jaallattan argisiisan hunda baayʼee jaallata. Nuyis garaadhaa akka isin jaallannu isiniif mirkaneessuu barbaanna.​—Luq. 12:42, 43.

Waggaa darbe isin obboloonni, obboleettonniifi ijoolleen jaalala Yihowaadhaaf qabdaniin kakaatanii, misraachicha lallabuurratti saʼaatii 1,748,697,447 dabarsitaniittu. Addunyaa maratti babalʼistoonni 7,782,346 taʼan jaalalaan kakaʼanii tajaajilarratti hirmaataniiru. Ijoollee hedduu dabalatee namoonni haaraan 268,777 taʼan, cuuphamuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuunsaanii baayʼee nu gammachiiseera. Kana jechuun giddu galeessaan torbanitti namoonni 5,168 cuuphamaniiru jechuudha. Kun baayʼee nu gammachiiseera!

Guyyoota gara dhumaa kanatti sabni Waaqayyoo, rakkoowwan hedduu, walʼaansoo addaddaa, ariʼatama, dhukkubaafi dullumaa wajjin qabsoo gochuun isaan barbaachiseera. Taʼus, matumaa Yihowaatti ‘dugda hin gannu’ ykn “abdii hin kutannu.” Hunda keessaniyyuu baayʼee jaallanna.​—Ibr. 10:39; 2 Qor. 4:16.

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi