Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Jiʼoota kurnan waggaa tajaajilaa kanatti, jechuunis hanga dhuma jiʼa Waxabajjiitti, walgaʼii koonyaa, aanaafi addaa godhamanirratti namoonni 487 cuuphamaniiru. Jiʼoota kanatti aanaawwan kudha lama keessatti walgaʼiiwwan addaa soddomaa ol taʼan godhamaniiru. Yeroo ammaatti daawwattoonni olaanaa aanaa keenya naannoowwan gara 240 taʼan daawwachaa jiru. Naannoowwan kana keessaa kudha sadan isaanii gumiiwwan ykn tuutawwan haaraa waggaa tajaajilaa 2013tti hundeeffamanidha; kunis lakkoofsa gumiiwwan aanaa tokko hundeessuuf barbaachisu keessaa walakkaasaati jechuudha. Namoonni haaraan kun hundi Yihowaa cina dhaabachuusaanii yommuu arginu baayʼee nu gammachiisa.