Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Gabaasa Mana Barumsaa Qajeelchitootaa 2015 yommuu isin beeksisnu gammachuutu nutti dhagaʼama. Barumsi kun Hagayya 2015tti Manneen Barumsaa 15 magaalota torba keessatti geggeeffamanitti, jechuunis Finfinnee, Adaamaa, Alataa Wandoo, Arbaaminci, Jimmaa, Shaashamannee fi Sooddootti kennameera. Qajeelchitoonni 465 taʼan Mana Barumsaa kana irraa faayidaa argataniiru. Isaan keessaa 176 kan taʼan qajeelchitoota muuxannoo qabanii fi yeroo lammaffaatiif Mana Barumsaa kana irratti hirmaatani dha.
Qophii Qaamni Ol Aanaan jaalalaan kakaʼee godheen, miseensonni Maatii Betʼel waggaa kanatti Mana Barumsaa kana irratti yeroo jalqabaatiif hirmaataniiru. Hundi isaaniis dinqisiifannaa qophii haaraa kanaaf qaban ibsaniiru.
Manni Barumsaa kun qajeelchitoonni ‘tajaajila isaanii guutummaatti akka raawwatan’ gargaaruu irratti gaʼee guddaa akka qabaatu ni amanna.—2 Xim. 4:5, NW.