Onkoloolessa 30–Sadaasa 5
YO’EL 1-3
Faarfannaa 77 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Ilmaan Keessanii fi Intaloonni Keessan Raajii in Dubbatu”: (Daq. 10)
[Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Yoʼel jedhu taphachiisi.]
Yoe 2:28, 29— Kiristiyaanonni dibamoon bakka buʼoota Yihowaa taʼanii tajaajilu (w02-AM 8/1 15 key. 4-55; jd-E 167 key. 4)
Yoe 2:30-32—Namoota maqaa Yihowaa waammatan qofatu, guyyaa isaa isa baayʼee sodaachisaa taʼe sana irraa oola (w07-AM 10/1 13 key. 2)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Yoe 2:12, 13—Caqasoonni kun dhugumaan yaada garaa geddarachuu ilaalchisee maal nu barsiisu? (w07-AM 10/1 13 key. 5)
Yoe 3:14—“Dachaa firdii” kan jedhame maali dha? (w07-AM 10/1 13 key. 3)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Yoe 2:28–3:8
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Guyyaa Jalqabaa: (Daq. 2 ykn isaa gad) Kaardii teessoo JW.ORG
Deddeebii Gaaffii: (Daq. 4 ykn isaa gad) Kaardii teessoo JW.ORG—Kaardichi yeroo darbe kennameera. Maree kee itti fufuudhaan viidiyoo jw.org irra jiru tokko beeksisuudhaan xumuri.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 6 ykn isaa gad) lv 196-197 key. 3-5
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yihowaan Qorumsa Akka Damdamannu Nu Gargaara: (Daq. 9) Viidiyoo Yihowaan Masaraa Cimaa Naaf Taʼeera jedhu taphachiisi (kutaa viidiyoo GAAFANNOO FI MUUXANNOO jalaa argama). Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu: Qorumsa akkamiitu maatii Heenshel irra gaʼe? Warri, amantii isaanii fi amanamummaa isaanii eeguun ijoollee isaanii irratti dhiibbaa akkamii geessise? Yihowaan akkuma obboleessa keenya Heenshel jabeesse isinis kan jabeesse akkamitti?
Michuu Yihowaa Taʼi—Maqaa Yihowaa: (Daq. 6) Viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi—Maqaa Yihowaa jedhu taphachiisi (kutaa viidiyoo IJOOLLEE jalaa argama). Achiis ijoollee filadhuutii gara waltajjiitti baasuudhaan akkana jedhii isaan gaafadhu: Maqaan Yihowaa hiika maalii qaba? Yihowaan maalfaa uume? Yihowaan akkamitti si gargaaruu dandaʼa?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr boq. 13 key. 33-34, saanduqa “Injifannoo Mana Murtii Olaanaatti Arganneefi Lallabuu Keenya Akka Itti Fufnu Godhan,” saanduqa irra deebii “Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?”
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 148 fi Kadhannaa