Muddee 4-10
SEFAANIYAA 1–HAAGEE 2
Faarfannaa 27 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Guyyaa Dheekkamsa Isaa Dura Yihowaa Barbaaddadhaa!”: (Daq. 10)
[Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Sefaaniyaa jedhamu taphachiisi.]
Sef 2:2, 3—Yihowaa barbaaddadhaa! Qajeelinaa barbaaddadhaa! Garraamummaa barbaaddadhaa! (w01-AM 2/15 18-19 ¶5-7)
[Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Haagee jedhamu taphachiisi.]
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Sef 1:8—Caqasa kana irraa akeekkachiisa akkamii arganna? (w07-AM 11/15 11 ¶3)
Hag 2:9—Ulfinni mana qulqullummaa Zarubaabel, ulfina mana qulqullummaa Solomoon irra kan caalu karaa kamiini? (w07-AM 12/1 9 ¶1)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Hag 2:1-14
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Ittiin Lixa Jiʼa Kanaa Qophaaʼi: (Daq. 15) “Ittiin Lixa” irratti mariʼadhaa. Ittiin lixa viidiyoodhaan qophaaʼe hunda erga taphachiistee booda, yaada ijoo isaa irratti mariʼadhaa. Babalʼistoonni, Dammaqaa! Lakk. 6 2017 balʼinaan akka raabsan jajjabeessi. Haa taʼu malee, kallattiidhaan namoota argannee haasofsiisuu waan barbaannuuf, namoota manatti hin arganneef barruu kana kaaʼuu hin qabnu.
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa: (Daq. 5)
Qooqa Qulqulluu Barachuun Nagaa fi Tokkummaa Argamsiisa (Sef 3:9, NW): (Daq. 10) Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2012, fuula 12, keeyyata 4 irratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Diinota Walii kan Turan Michoota Taʼaniiru jedhamu taphachiisi (kutaa viidiyoo GAAFANNOO FI MUUXANNOO jalaa argama).
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr boq. 15 key. 9-17
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 33 fi Kadhannaa