Sadaasa 12-18
HOJII ERGAMOOTAA 1-3
Faarfannaa 104 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Hafuurri Qulqulluun Gumii Kiristiyaanaa Irratti Dhangalaʼe”: (Daq. 10)
[Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Hojii Ergamootaa jedhamu taphachiisi.]
HoE 2:1-8, 14, 37, 38, 41—Barattoonni Yesuus hafuura qulqulluu erga argatanii booda dhugaa baʼuu isaaniitiin, namoonni gara 3,000 cuuphamaniiru
HoE 2:42-47—Barattoonni Yesuus namoota haaraa cuuphamanitti arjummaa guddaa argisiisuu fi keessummummaa isaan simachuudhaan, Yerusaalem keessa akka turanii fi amantii isaanii akka cimsatan gargaaraniiru (w86-E 12/1 29 key. 4-5,7)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
HoE 3:15—Yesuus “Bakka Buʼaa jireenyaa Isa Guddaa” kan jedhame maaliifi? (it-2-E 61 key. 1)
HoE 3:19—Caqasni kun akkaataa Yihowaan namoota yaada geddarataniif dhiifama itti godhu kan ibsu akkamitti? (cl 318 key. 14)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) HoE 2:1-21
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 2 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami.
Deddeebii Gaaffii Jalqabaa—Viidiyoo: (Daq. 5) Viidiyicha taphachiisiitii irratti mariʼadhaa.
Haasaa: (Daq. 6 ykn isaa gad) it-1-E 129 key. 2-3—Mata duree: Ergamoonni Amanamoo Taʼanii Duʼan kan Bakka hin Buufamne Taʼanis, Iddoo Yihudaa kan Bakka Buufame Maaliifi?
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Naannoo Tajaajilaa Qooqni Hedduun Dubbatamutti Lallabuu Irratti Deggersa Gochuu”: (Daq. 15) Ilaaltuu ol aanaa tajaajilaatiin mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyicha taphachiisiitii irratti mariʼadhaa. Qophii gumichi naannoo tajaajilaa qooqni hedduun dubbatamutti lallabuuf godhe dubbadhu.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 26
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 105 fi Kadhannaa