Muddee 24-30
Hojii Ergamootaa 17-18
Faarfannaa 78 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Lallabuu fi Barsiisuu Irratti Fakkeenya Phaawulos Ergamaa Hordofaa”: (Daq. 10)
HoE 17:2, 3—Phaawulos yeroo namoota barsiisutti, Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisaa fi barreeffamoota irraa ragaa dhiheessee isaaniif ibsaa ture (nwtsty-AM qabxiiwwan qoʼannaa)
HoE 17:17—Phaawulos bakka namoota argatu hundatti lallabeera (nwtsty-AM qabxii qoʼannaa)
HoE 17:22, 23—Phaawulos hubataa ture; akkasumas yaada namoonni irratti walii galan kaasa ture (nwtsty-AM qabxii qoʼannaa)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
HoE 18:18—Wareega Phaawulos wareege ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama? (w08 5/15 32 key. 5)
HoE 18:21—Galma hafuuraa baafanne hordofuu ilaalchisee fakkeenya Phaawulos hordofuu kan qabnu akkamitti? (nwtsty-AM qabxii qoʼannaa)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) HoE 17:1-15
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Deddeebii Gaaffii Lammaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami. Viidiyoo Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? jedhamu erga beeksistee booda irratti mariʼadhaa.
Deddeebii Gaaffii Sadaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Caqasa mataa keetii filadhu, akkasumas barreeffama qoʼachiisuuf itti fayyadamnu tokko kenni.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 6 ykn isaa gad) jl barumsa 7
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Misiraachicha Guutummaatti Lallabaa, Akkasumas Barsiisaa: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Waaqeffannaa Maatii: Phaawulos—Misiraachicha Guutummaatti Lallabeera jedhamu taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii gaafadhu: Maatiin viidiyicha irratti dhihaate qulqullina tajaajila isaa fooyyessuu akka qabu kan hubate akkamitti? Fakkeenya Phaawulos ergamaa karaawwan kamfaatiin hordofan? Kana gochuu isaaniitiin hoo buʼaawwan akkamii argataniiru? Isin hoo yaadawwan waaqeffannaa maatii keessan irratti itti fayyadamuu dandeessan akkamii argattaniittu?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 32
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 117 fi Kadhannaa