AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Waaqayyoof Buluu fi Leenjii Qaamaa
Sochiin qaamaa faayidaa qabaa? Eeyyee, sochii hafuuraa wajjin yeroo wal bira qabamu garuu buʼaan isaa xinnoo dha. (1Xi 4:8) Kanaafuu, Kiristiyaanonni ispoortiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu qabu.
VIIDIYOO GABATEE ANIMEESHINII ADII WAAʼEE TAPHAWWAN ISPOORTII MAAL BEEKUU QABDA? JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
1. Ispoortiin dandeettiiwwan akkamii nu barsiisuu dandaʼa?
2. Ispoortiin tokko kan nu fayyadu taʼuu fi dhiisuu isaa murteessuuf wantoonni nu gargaaran sadi maal faʼi?
3. Faarfannaan 11:5 tapha ispoortii akkamii daawwachuu fi taphachuu akka qabnu murteessuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
4. Karaawwan tapha ispoortii itti taphannu irratti Filiphisiyus 2:3 fi Fakkeenya 16:18 hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
5. Filiphisiyus 1:10 taphawwan ispoortii daawwachuu ykn taphachuu irratti saʼaatii dheeraa akka hin dabarsine kan nu gargaaru akkamitti?