MUDDEE 23-29
MUL’ATA 17-19
Faarfannaa 149 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Waraana Waaqayyoo Isa Waraanota Hunda Balleessu”: (Daq. 10)
Mul 19:11, 14-16—Kiristoos Yesuus murtoo Waaqayyoo isa qajeelina irratti hundaaʼe raawwachiisa (w08-AM 4/1 8 key. 3-4; it-1-E 1146 key. 1)
Mul 19:19, 20—Bineensichii fi raajii sobduun ni balleeffamu (re 286 key. 24)
Mul 19:21—Ilmaan namootaa ol aantummaa Waaqayyoo morman hundi ni balleeffamu (re-AM 286 key. 25)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Mul 17:8—‘Bineensichi, isa duraan ture, isa amma hin jirree fi booda garuu isa dhufuuf jiru’ kan taʼe akkamitti akka taʼe ibsi. (re-AM 247-248 key. 5-6)
Mul 17:16, 17—Amantiin sobaa irraa jalaan akka hin badne beekuu kan dandeenyu akkamitti? (w12 6/15 18 key. 17)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Mul 17:1-11 (th qoʼannaa 5)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Deddeebii Gaaffii Lammaffaa—Viidiyoo: (Daq. 5) Viidiyicha taphachiisiitii irratti mariʼadhaa.
Deddeebii Gaaffii Lammaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami. (th qoʼannaa 8)
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 5 ykn isaa gad) jl barumsa 8 (th qoʼannaa 13)
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Ija Jabina Naa Kenni: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Faarfannaa addaa Ija Jabina Naa Kenni jedhu taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa: Haalawwan jireenya keenya keessatti nu mudatan kamfaatu ija jabina argisiisuu gaafatu? Seenaa Kitaaba Qulqulluu isa kamtu ija jabina akka qabaattan isin gargaare? Kan nu deggeraa jiru eenyu dha? Hundumtuu ol kaʼanii faarfannaa “Ija Jabina Naa Kenni” (viidiyoo walaloo isaa qofa qabateen) jedhamu akka faarfatan affeeruudhaan kutaa kee xumuri.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 79
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 127 fi Kadhannaa