LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Adoolessa ful. 7
  • Yihowaan Saba Isaatiif Eegumsa ni Godha

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Saba Isaatiif Eegumsa ni Godha
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Maqaa Qabaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • “Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Ibsa Godaambaan Waajjira Damee Beeljiyeem Carraaqqii Kitaaba Qulqulluu Tursuuf Godhame Irratti Kenne
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Dubbiin Yihowaa Matumaa Utuu Hin Raawwatamin Hin Hafu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Adoolessa ful. 7

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Saba Isaatiif Eegumsa ni Godha

Abbaan lammii Israaʼel tokko ilma isaa wajjin taʼee maqaanii balbala mana isaanii dhiiga dibaa jira.

Ayyaanni Faasikaa inni jalqabaa taʼee hin irraanfatamne ture. Halkan sana Faraʼoon ilmi isaa inni angafaa duʼuu isaa yommuu beeku Museedhaan, “Kaʼaa, isin, Israaʼeloonni saba koo keessaa baʼaa! Akkuma gaafattanii turtan dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa!” jedhe. (Bau 12:31) Yihowaanis saba isaatiif eegumsa akka godhu argisiiseera.

Seenaa saba Yihowaa isa ammayyaa duubatti deebinee yommuu ilaallu, Yihowaan isaan geggeessuu fi eegumsa isaaniif gochuu isaa akka itti fufe ifatti hubanna. Kunis godambaa waajjira muummee kutaa, “Saba Maqaa Yihowaatiif Taʼu” jedhu keessatti ifatti mulʼateera.

VIIDIYOO DAAWWANNAA GODAMBAA WAARWIIK: “SABA MAQAA YIHOWAATIIF TAʼU” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Poostarii fi islaayidoota ‘Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin’ irraa fudhataman

    Barattoonni Kitaaba Qulqulluu bara 1914 jalqabee namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti amantii akka qabaatan gargaaruuf mala sanaan dura hojii irra oolee hin beekneetti kan fayyadaman akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiise?

  • Suuraa obboloota bara 1918⁠tti hidhamanii.

    Bara 1916 fi 1918⁠tti qorumsawwan akkamiitu isaan mudate? Ragaan Yihowaan jaarmiyaa isaa geggeessaa akka ture argisiisu maali dha?

  • Godambaa suuraa namoota amantii isaaniitiin kan kaʼe hidhamanii argisiisu. Balbala banamee fi Jannata argisiisu.

    Sabni Yihowaa mormiin isaan irra gaʼus amanamoo taʼanii kan jiraatan akkamitti?

  • Godambaa malawwan tajaajilaa waggoota bara 1930mmanii fi 1940mmaniitti itti fayyadamaa turre argisiisu.

    Sabni Yihowaa bara 1935⁠tti hubannaa haaraa akkamii argatan? Kun hoo dhiibbaa akkamii isaan irratti godhe?

  • Viidiyoo kana yommuu ilaaltan, wanta Yihowaan saba isaa geggeessaa fi eegumsa isaaniif gochaa akka jiru argisiisuu fi amantii keessan cimsu akkamii argattan?

Godambaa kana daawwachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe beekuuf, weebsaayitii jw.org® jalatti, kutaa Waaʼee Keenya jedhu cuqaasi

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi