LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Bitootessa ful. 2-3
  • Bitootessa 4-10

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa 4-10
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Bitootessa ful. 2-3

BITOOTESSA 4-10

FAARFANNAA 16-17

Faarfannaa 111 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. “Yihowaa, Madda Gaarummaa”

(Daq. 10)

Namoota Yihowaa tajaajilanitti michoomuun gammachuu argamsiisa (Far 16:2, 3; w18.12 26 key. 11)

Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabnu beekuun gammachuu nuuf argamsiisa (Far 16:5, 6; w14 2/15 29 key. 4)

Eegumsi hafuuraa Yihowaan nuuf godhu tasgabbiin akka nutti dhagaʼamu godha (Far 16:8, 9; w08 2/15 3 key. 2-3)

Obboleettonni lama Galma Walgaʼii keessatti wal haammachaa jiru. Warri kaan immoo gammachuudhaan isaanitti marsanii jiru.

Akkuma Daawit, jireenyi keenya Yihowaa isa madda gaarummaa taʼe Waaqeffachuu irratti waan hundaaʼeef hiika qabaata.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Jireenyi koo isan gara dhugaatti dhufuu koo dura jiraachaa turerra hammam fooyyaʼe?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Far 17:8—Kitaabni Qulqulluun akka “qaroo ija keetiitti” yeroo jedhu maal jechuu isaati? (it-2-E 714)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa namootaaf hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Far 17:1-15 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Waraqaa affeerrii Ayyaana Yaadannoo kenniif. (th qoʼannaa 11)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Waraqaa affeerrii Ayyaana Yaadannoo kenniif. Namni sun fedhii akka qabu erga argisiisee booda, viidiyoo Duʼa Yesuus Yaadadhaa jedhamu beeksisiitii irratti mariʼadhaa. (th qoʼannaa 9)

6. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Waraqaa affeerrii Ayyaana Yaadannoo kenniif. (th qoʼannaa 2)

7. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa 14 seensaa fi qabxii 1-3 (th qoʼannaa 6)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 20

8. Ayyaana Yaadannoof Qophaaʼuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Minjaala Galma Walgaʼii keessa jiruu fi maxinoo fi wayinii qabatee jiru.

Yesuusiif ajajamuu waan barbaannuuf, Dilbata Bitootessa 24, duʼa Yesuus kabajna; guyyaa kanatti seenaa keessatti jaalala hunda caalaa qaamonni lama nutti argisiisan yaadanna. (Luq 22:19; Yoh 3:16; 15:13) Ayyaana addaa kanaaf akkamitti qophaaʼuu dandeenya?

  • Hamma isiniif dandaʼame duula kana irratti hirmaachuudhaan namoonni haasaa addaa fi ayyaana yaadannoo irratti akka argaman affeeraa. Namoota beektan galmeeffadhaatii affeeraa. Naannoo tajaajilaa keessanii ala kan jiraatan yoo taʼe, naannoo isaanitti saʼaatii fi bakka walgaʼichi itti geggeeffamu jw.org irraa itti argisiisaa

  • Jiʼa Bitootessaa fi Eblaatti hirmaannaa tajaajilarratti gootan dabalaa. Saʼaatii 15 ykn 30 guutuudhaan qajeelchaa gargaaraa taʼuu ni dandeessuu?

  • Bitootessa 18, wantoota guguddaa torbee xumuraa jireenya Yesuus isa lafarraa keessatti raawwataman qoruu eegalaa. “Sagantaa Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Ayyaana Yaadannoo 2024” fuula 6 fi 7​rra jiru irraa hammam dubbisuu akka dandeessan murteeffachuu dandeessu

  • Guyyaa Ayyaana Yaadannootti, sagantaa Waaqeffannaa Ganamaa addaa jw.org irratti baʼu ilaalaa

  • Ayyaanicha irratti, namoota haaraa fi warra qabbanaaʼan miira hoʼaadhaan simadhaa. Saganticha booda, gaaffii namoonni qabaniif deebii kennuuf of dhiheessaa. Deddeebii gaaffii gochuudhaan fedhii namoota ayyaanicha irratti argamanii guddisuu akka dandeessaniif beellama qabadhaa

  • Ayyaana Yaadannoo duraa fi booda furicha irratti xiinxalaa

VIIDIYOO Duʼa Yesuus Yaadadhaa jedhamu taphachiisi. Achiis akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Tibba duula Ayyaana Yaadannootti, viidiyoo kanatti akkamitti fayyadamuu dandeenya?

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 6 key. 18-24, saanduqa ful. 54​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 73 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi