LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Amajjii ful. 2-3
  • Amajjii 6-12

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii 6-12
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Amajjii ful. 2-3

AMAJJII 6-12

FAARFANNAA 127-134

Faarfannaa 134 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1 )

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Warri, Dhaala Keessan Isa Gatii Guddaa Qabu Kunuunsuu Keessan Itti Fufaa

(Daq. 10)

Warri, wanta maatii isaaniitiif barbaachisu argachuurratti Yihowaan akka isaan gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu ni dandaʼu (Fr 127:1, 2)

Ijoolleen kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argamanidha (Fr 127:3; w21.08 5 key. 9)

Fedhiisaanii tilmaama keessa galchuudhaan tokkoon tokkoon ijoolleetiif leenjii isaan barbaachisu kennaa (Fr 127:4; w19.12 27 key. 20)

Abbaan tokko birooshura “Barumsa Macaafa Qulqulluukoo” jedhamutti fayyadamee ijoollee isaa lamaan barsiisaa jira. Ijoolleen isaa jannata keessatti arbaa fi Gooriillaa wajjin taphachaa akka jiranitti yaadaa jiru.

Yihowaan, warri yommuu isatti amanamanii fi ijoollee isaanii kunuunsuuf wanta isaaniif dandaʼamu hunda yommuu godhan baayʼee gammada

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fr 128:3—Faarfatichi, ilmaan namni tokko godhatu latii muka ejersaa wajjin kan wal bira qabe maaliifi? (it-1-E 543)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 132:1-18 (th qoʼannaa 2)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 1 qabxii 3)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Namni haasofsiistu yaada barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu dubbata. (lmd barumsa 5 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa16 qabxii 4-5. Qophii yeroo ati hin jirretti qoʼannaasaa akka itti fufuuf gooterratti barataa kee wajjin mariʼadhaa. (lmd barumsa 10 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 13

7. Warri, Ijoollee Keessan Barsiisuuf Meeshaa Buʼa Qabeessa Kanatti Fayyadamaa Jirtuu?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Jaarmiyaan Yihowaa, warri ijoolleesaanii waaʼee Yihowaa akka barsiisan gargaaruuf wantoota hedduu qopheesseera. Taʼus, karaawwan hunda caalaa gaarii taʼanii fi warri ijoolleesaanii barsiisuu itti dandaʼan keessaa tokko fakkeenya isaaniif taʼuudha.—Kes 6:5-9.

Yesuus barattootasaa barsiisuuf karaa baayʼee gaarii taʼe kanatti fayyadameera.

Yohaannis 13:13-15 dubbisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yesuus fakkeenya taʼuudhaan barsiisuunsaa mala buʼa qabeessa ture jechuun kan dandaʼamu maaliifi?

Warra kan taatan, gochi keessan wanti ijoollee keessan barsiistan dhugaa taʼuusaa mirkaneessuu dandaʼa. Kana malees, ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii yommuu taatan, caalaatti isin dhaggeeffachuu fi wanta isaan barsiistan hojiirra oolchuuf kakaʼuu dandaʼu.

Fakkiiwwan garaagaraa: Fakkiiwwan viidiyoo “Fakkeenya Isaaniif Taʼuudhaan Ijoollee Keenya Barsiisneerra” jedhamu irraa fudhataman 1. Maatiin Giraasiyaas konkolaataadhaan gara walgaʼii gumii deemuuf jedha. 2. Maatichi gumiidhaa erga deebiʼee booda minjaalaatti naannaʼee waa nyaachaa waliin taphachaa jira. 3. Obboleessi Giraasiyaas qoʼannaa isaa gidduutti dhaabee intala isaa haasofsiisaa jira. 4. Obboleessi Giraasiyaasii fi haati manaa isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii intala isaanii haasofsiisaa jiru.

VIIDIYOO Fakkeenya Isaaniif Taʼuudhaan Ijoollee Keenya Barsiisneerra jedhamu taphachiisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Obboleessi Giriisiyaasii fi haati manaa isaa ijoolleesaanii durbaatiif barumsa barbaachisaa akkamii kennaniiru?

  • Viidiyoon kun ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii taʼuuf kan isin kakaase akkamitti?

Wantoota armaan gadiirratti fakkeenya isaaniif taʼuudhaan ijoollee keessan barsiisuu dandeessu.

  • bashannana, dhugaatii alkoolii fi weebsaayitii hawaasaa fayyadamuurratti murtoo gaarii gochuudhaan

  • wantoota hafuuraatiif dursa kennuudhaan

  • hiriyaa gaaʼelaa keessan jaallachuu fi kabajuudhaan

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 20 key. 13-20

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 73 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi