LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb26 Bitootessa ful. 6-7
  • Bitootessa 23-29

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa 23-29
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2026
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2026
mwb26 Bitootessa ful. 6-7

BITOOTESSA 23-29

ISAAYYAAS 48-49

Faarfannaa 89 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Wanta Yihowaan Jedhu Xiyyeeffannaadhaan Dhagaʼuudhaan Fayyadamaa

(Daq. 10)

Yihowaan tajaajiltootasaa ni barsiisa (Isa 48:17; lff barumsa 35 qabxii 1)

Wanta Yihowaan jedhu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼuu qabna (Isa 48:18a; ijwbq mata duree 44 key. 2-3)

Yoo akkas goone nagaan keenya “akkuma lagaa,” qajeelummaan keenyas “akkuma dambalii galaanaa ni taʼa” (Isa 48:18b; lv 199 key. 8)

Obboleettiin takka yeroo aduun lixxu galaana qarqara deemaa jirti.

HIIKA: Jechi Afaan Ibrootaa “nagaa” jedhamee hiikame yaada fayyaa, nageenya, jabina, michummaa fi guutuu taʼuu jedhu of keessatti qabateera.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Isa 48:1—Michuu Yihowaa taʼuuf cuuphamuun qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi? (w24.06 9 key. 4)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Isa 48:9-20 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Fira kee qabbanaaʼe tokko haasaa addaa fi Ayyaana Yaadannoorratti affeeri. (lmd barumsa 5 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama Ayyaana Yaadannoorratti argamuuf yaadaa jiru tokkoof wantoota ayyaanicharratti raawwataman ibsiif. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

6. Hordofii Gargaari

(Daq. 5) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Haasaan Ayyaana Yaadannoo erga xumuramee booda gaaffii namni ayyanicharratti argame tokko gaafatuuf deebii kenni. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 107

7. Guyyaa Waggicha Keessatti Iddoo Guddaa Qaburraa Fayyadamaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoorratti argamuun keenya ajaja Yesuus akka eegnuu fi kennaa furii Yihowaarraa arganneef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuuf carraa nuuf bana. (Luq 22:19) Kana malees, yeroon kun jaalala Yihowaa fi Ilmisaa nutti argisiisanirratti xiinxaluuf carraa nuuf bana. (Gal 2:20; 1Yo 4:9, 10) Qophii Yihowaan nuuf godhe kanarraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni fedhii qabanis akka irraa fayyadaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannootiif ramadame guyyaa guyyaadhaan dubbisaatii irratti yaadaa

  • Qophii furichaarrattii fi karaa furichaaf dinqisiifannaa akka qabdan argisiisuun jiraachuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe xiinxalaa

  • Namoota beektan, firoota keessanii fi namoota naannoo keessanii haasaa addaa fi Ayyaana Yaadannoorratti affeeruudhaan duularratti guutummaatti hirmaadhaa

  • Namoota Ayyaana Yaadannoorratti argaman fuula ifaadhaan nagaa gaafachuudhaan simadhaa. Namoota isin affeertanirratti kan xiyyeeffattan taʼus, namoota duula kanaan affeeramanii dhufan kaan gargaaruufis dammaqoo taʼaa; isin bira akka taaʼan isaan affeeruu dandeessu

  • Gaaffilee namoonni ayyaanicharratti argaman gaafatan deebisuuf of dhiheessaa

  • Namoota qabbanaaʼan simachuuf dammaqoo taʼa. Keessumaa jaarsoliin namoota yeroo taʼe tokko Dhugaa Baatota Yihowaa turan simachuuf dammaqoo taʼuu qabu

Suuraa viidiyoo, “Yesuus ‘Isa Bade Barbaaduudhaaf Fayyisuudhaafis Dhufeera’ ” jedhamurraa fudhatame. Obboloonnii fi obboleettonni guyyaa Ayyaana Yaadannootti Galma Walgaʼii keessatti haasaʼaa jiru.

VIIDIYOO Yesuus “Isa Bade Barbaaduudhaaf Fayyisuudhaafis Dhufeera” jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Ayyaana Yaadannoorratti namoota qabbanaaʼan miira hoʼaadhaan simachuun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee maal barattan?

    Suuraa viidiyoo, “Yesuus ‘Isa Bade Barbaaduudhaaf Fayyisuudhaafis Dhufeera’ ” jedhamurraa fudhatame. Obboleettiin takka obboleettii qabbanooftee fi Ayyaana Yaadannoorratti argamte takka hammattee nagaa gaafachaa jirti.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 72-73

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 134 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi