Yeroo Harʼaatti Qajeelfama Amansiisaa Taʼe Eessaa Argachuu Dandeessa?
Addunyaa saffisaan jijijjiiramaa jiru kana keessatti filannaan gootu buʼaa gaarii akka argamsiisu mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Wanti harʼa sirrii akka taʼetti ilaalamu boru dogoggora akka taʼetti akka hin ilaalmne mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun filannaa yoomiyyuu itti hin gaabbine gochuuf si gargaara. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Kitaaba Qulqulluu kan nuu kenne Uumaa keenyadha; innimmoo wanta gammachuu fi nagaa dhugaa nuuf argamsiisuu beeka.
“Inni wanta gaarii taʼe sitti himeera.”—Miikiyaas 6:8.
Ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu amanuu ni dandeenya. Ogummaan kun “ammas taʼe bara baraaf yeroo hundumaa [amansiisaa] dha.”—Faarfannaa 111:8.
Kitaabni Qulqulluun addunyaa jijijjiiramaa jiru kana keessatti kan si gargaaru akkamitti akka taʼe ofuma keetiin maaliif hin qortu?