LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Caamsaa ful. 32
  • Jalʼina Haqaa Dandamachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jalʼina Haqaa Dandamachuu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Abbaan Firdii Guutummaa Biyya Lafaa” Yoom Iyyuu Wanta Sirrii Raawwata
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Yihowaan Akka Milkooftu Si Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Itti Gaafatamummaasaa Hunda Raawwateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Caamsaa ful. 32

YAADAWWAN QOʼANNAADHAAF TAʼAN

Jalʼina Haqaa Dandamachuu

Akkaataa Yoseef jalʼina haqaa itti dandamaterraa barumsa argachuuf Uumama 37:23-28; 39:17-23 dubbisi.

Yaada naannoosaa jiru ilaali. Warri kaan Yoseefirratti jalʼina haqaa kan raawwatan maaliifi? (Uma. 37:3-11; 39:1, 6-10) Yoseef jalʼina haqaa dandamachuun kan isa barbaachise yeroo hammamiitiifi? (Uma. 37:2; 41:46) Yeroo sanatti Yihowaan maal isaaf godhe? Garuummoo maal hin goone?—Uma. 39:2, 21; w23.01 17 key. 13.

Gadi fageenyaan qori. Kitaabni Qulqulluun Yoseef yeroo haati manaa Phoxifaar sobaan isa yakkitetti soba kana saaxiluuf wanta godhe akka qabu hin dubbatu. Caqasoonni itti aananii jiran sababii Yoseef callisuuf filatee taʼuu itti dandaʼurratti yaaduuf ykn dhugaan jiru hundi gadi fageenyaan akka nuuf ibsamu eeguun kan nu hin barbaachisne maaliif akka taʼe hubachuuf kan nu gargaaran akkamitti? (Fak. 20:2; Yoh. 21:25; HoE. 21:37) Amaloonni jalʼina haqaa akka dandamatu Yoseefiin gargaaran kamfaa taʼuu dandaʼu?—Mik. 7:7; Luq. 14:11; Yaq. 1:2, 3.

Barumsa argatterratti yaadi. Akkana jedhii of gaafadhu:

  • ‘Barataa Yesuus taʼuu kootiin jalʼinni haqaa akkamii narra gaʼuu dandaʼa?’ (Luq. 21:12, 16, 17; Ibr. 10:33, 34)

  • ‘Jalʼina haqaa dandamachuuf qophaaʼuu kanan dandaʼu akkamitti?’ (Far. 62:7, 8; 105:17-19; w19.07 2-7)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi