Kana Beektaa?
Jaarraa tokkoffaatti luboonni beeladoota aarsaa erga godhanii booda dhiigasaa maal godhu turan?
WAGGAA waggaadhaan luboonni Israaʼel durii keessa turan iddoo aarsaa mana qulqullummaarratti beeladoota kumaan lakkaaʼaman aarsaa godhu turan. Akka barreessaan seenaa Yihudootaa jaarraa tokkoffaatti turee fi Joseefas jedhamu ibsetti gaafa ayyaana Faasikaa hoolonni xobbaallaan 250,000 ol taʼan aarsaa taʼanii dhihaatu turan; kunimmoo dhiigni hedduun akka dhangalaʼu taasisa. (Lew. 1:10, 11; Lak. 28:16, 19) Maarree, dhiiga kana hunda maal godhu turan?
Arkiyooloojistoonni mana qulqullummaa Heroodis keessaa boʼoo xurii dhangalaasuuf gargaaruu fi hamma Dh.K.B. bara 70tti manni qulqullummaa balleeffametti tajaajilaa ture argataniiru. Boʼoon kun mana qulqullummaa keessaa dhiiga gadi baasuuf gargaara.
Mee boʼoo dhiiga iddoo aarsaatii gadi baasuuf gargaaru kana ilaalchisee wanta lama haa ilaallu:
Uraawwan iddoo aarsaa jalatti argaman: Miishnaa isa seera Yihudootaa afaaniin daddarbu qabatee fi Dh.K.B. jalqaba jaarraa sadaffaatti qophaaʼerratti yaanni iddoo aarsaatii xurii gadi baasaa kan turan akkamitti akka taʼe ibsu argameera. Kitaabni kun akka ibsutti, roga iddoo aarsaa isa tokko biratti uraawwan lama jiru. Dhiigni beeladoota aarsaa taʼanii fi bishaan iddoo aarsaa qulqulleessuuf gargaaru karaa uraawwan kanaa seenee boʼoodhaan gara sulula Qedroonitti namʼa.
Uraawwan iddoo aarsaa biratti argaman kana ilaalchisee wanti kitaaba durii kanarratti barreeffame wanta arkiyooloojistoonni argatan wajjin wal sima. Kitaabni The Cambridge History of Judaism jedhamu boʼoon xurii gadi baasuuf gargaaru mana qulqullummaa biratti argamee akka ture mirkaneessa. Kitaabichi, “Boʼoon kun bishaanii fi dhiiga beeladoota aarsaa taʼanii mana qulqullummaa keessaa gadi baasuuf kan fayyadu taʼuu hin oolu” jedha.
Bishaan hedduu: Luboonni lafa iddoo aarsaa jala jiruu fi boʼoo dhangalaʼaa bakka biraatti geessu qulqulleessuuf bishaan hedduu barbaadu. Luboonni hojii barbaachisaa kana raawwachuuf magaalaadhaa utuu walirraa hin kutin bishaan argatu turan. Bishaanichi magaalaadhaa boʼoodhaan gara iddoo aarsaa dhufee boollaa fi kuusaa bishaanii keessatti kuufama. Arkiyooloojistiin Joseef Paatriik jedhaman akka ibsanitti, bara sanatti manni qulqullummaan haala kanaan bishaan argatuu fi dhangalaʼaa xurii taʼe gadi baasu kan biraan waan jiru hin fakkaatu.