LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwex mataduree 4
  • Poolisoonni Joosefiin Geggeessan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Poolisoonni Joosefiin Geggeessan
  • Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Itti Gaafatamummaasaa Hunda Raawwateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Maatiisaa Eegeera, Kunuunseera, Itti Gaafatamummaasaa Baʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • “Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • “Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
ijwex mataduree 4
Konkolaataa poolisootaa

Poolisoonni Joosefiin Geggeessan

Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo taate yeroo manaa gara manaatti misiraachoo lallabdutti poolisoonni yommuu si geggeessan ykn sii wajjin deeman maaltu akka sitti dhagaʼamu yaaddee beektaa? Haalli akkasii bara 2017⁠tti Joosef isa Maayikirooneezyiyaa jiraatu mudatee ture. Innii fi Dhugaa Baatonni Yihowaa sadii duula addaa odolawwan fagoo jiranitti misiraachoo lallabuuf taasifamu irratti hirmaachaa turan.

Gara guyyaa walakkaatti Dhugaa Baatonni arfan kun odola xinnoo namoonni gara 600 keessa jiraatan tokko gaʼan. Qarqara galaanichaatti bulchaan odolichaa Dhugaa Baatota kana nagaa gaafate. Joosef wanta itti aansuudhaan taʼe akkana jechuudhaan ibsa: “Bulchaan sun otobusiin poolisii gara manneen hundaatti nu geessuu akka dandaʼu nutti hime. Affeerraan nuuf dhihaate kun kan nu ajaaʼibsiise taʼus, kabajaan affeerraa isaa akka hin fudhanne isatti himne. Akkuma yeroo kaan goonu kophaa keenya manaa gara manaa deemnee namoota haasofsiisuu barbaannee turre.”

Babalʼistoonni kun miila isaaniitiin deemuudhaan hamma isaaniif dandaʼame namoota hedduu haasofsiisuuf murteessanii turan. Dhugaa Baatonni sun akkana jedhaniiru: “Namoonni achi jiran keessummoota kan simatanii fi ergaa keenya dhaggeeffachuuf fedhii kan qaban turan. Kanaan kan kaʼes, tokkoon tokkoon manaa irratti hamma yaadne caalaa yeroo dheeraa dabarsineerra.”

Guyyuma sana gara boodaa, otobusiin Poolisootaa siʼa lama Joosef bira darbee kan ture siʼa taʼu, siʼa sadaffaatti dhufee isa bira dhaabate. Poolisoonni sunis gara manneen deemuu barbaadutti isa geessuu akka dandaʼan Joosefitti himan. Joosef haala isaa yommuu yaadatu akkana jedheera: “Lakki jedhee isaaniif deebiseen ture. Yeroo kanatti garuu ‘Yeroon isin hafe gabaabaa waan taʼeef gara manneen isin hafaniitti isin geessina’ jedhanii nu dirqisiisan. Manneen hedduun waan na hafaniif affeerraa isaanii fudhachuu diduu hin dandeenye. Gara tokkoon tokkoon manneen sanaa yommuu deemnu poolisoonni sun maqaa maatiiwwanii sanaa kan natti himan yommuu taʼu, yeroon rurrukutu namni naaf banu hin jiru yoo taʼe, fiishkaa isaanii afuufanii namoota manichaa naaf waamu turan.

“Gargaarsa dabalataa kanaan guyyaa sana manneen hunda waliin gaʼuu dandeenyeerra. Barreeffamoota hedduu raabsineerra; namoota fedhii argisiisanis deebinee gaafachuuf beellama qabanneerra.”

Poolisoonni sun Joosefiin “Misiraachoo babalʼisuu keetiin baayʼee gammanneerra” isaan jedhanii turan. Aduu dhiha jala Dhugaa Baatonni sun yommuu deeman poolisoonni sun qarqara galaanaa dhaabatanii seeqanii barreeffamoota harka isaaniitti qabatan raasaa nagaa isaanitti dhaaman.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi