LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwex mataduree 9
  • Lubni Tokko Deebii Argate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lubni Tokko Deebii Argate
  • Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
ijwex mataduree 9
Dubartii Kitaaba Qulqulluu irraa luba booʼaa jiru tokkoof caqasa dubbistu.

Lubni Tokko Deebii Argate

Dhugaa Baatuun Eliisoo jedhamtu guyyaa tokko dubartii fedhii argisiiste takka utuu manuma ishiitti qoʼachiisaa jirtuu, namoonni hin eegamne lama akka tasaa dhufan. Namni kun luba yeroo taʼu, kan dhufes haadha manaa isaa waliin ture. Eliisoon dhiheenyatti hiriyoonni gaaʼelaa kun ilma isaanii tokkicha duʼaan akka dhaban dhageesse.

Eliisoon ilmi isaanii duʼuu isaatti garaadhaa akka gaddite yommuu dubbattu, lubni kunii fi haati manaa isaa hirqinfatanii booʼuu jalqaban. Achiis lubichi aariidhaan akkas jedhe: “Waaqayyo rakkina akkasii maaliif akka heyyame matumaa naaf hin galu! Ilma koo tokkicha akkamitti na jalaa fudhata? Waggaa 28f Waaqa tajaajileera, waan gaarii hedduu hojjedheera, egaa kana naaf kaffalaa! Waaqayyo maaliif ilma koo ajjeese?”

Eliisoon Waaqayyo ilma isaanii akka jalaa hin fudhanne isaaniif ibsite. Kana malees, mata dureewwan akka furii, duʼaa kaʼuu fi Waaqayyo wantoonni gadheen akka gaʼan maaliif akka heyyame ibsan isaan mariisiste. Achiis lubichis taʼe haati manaa isaa, Eliisoon deebii isaan argachuuf kadhachaa turan akka isaaniif kennite ishiitti himan.

Lubichii fi haati manaa isaa torban itti aanutti deebiʼanii dhufuudhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dubartii sanaa irratti argaman. Eliisoon kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu irraa boqonnaa, “Jaalleewwan Kee Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu?” jedhu qoʼachiisti turte. Hiriyoonni gaaʼelaa kun fedhii guddaadhaan maricha irratti hirmaannaa godhan.

Boodas lamaan isaanii iyyuu walgaʼii addaa Dhugaa Baatota Yihowaa Tibliisii Joorjiyaatti godhame irratti kan argaman yeroo taʼu, jaalalaa fi tokkummaa miseensonni waldaa isaanii akka horatan yeroo dheeraadhaaf carraaqaa turanii fi utuu isaaniif hin milkaaʼin hafe achitti arguun isaanii baayʼee isaan dinqisiise.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi