LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 17
  • Dandeettii Riimooraan Wanta Tokkotti Maxxanuuf Qabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Riimooraan Wanta Tokkotti Maxxanuuf Qabu
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gogaa Shaarkii
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Uumamawwan Ibsan
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 17
Riimooraa bishaan daakaa jiru. Wanti Riimooraan uumamawwan galaana keessa jiranitti akka maxxanu isa gargaaruu fi boca hanqaaquu (oval-shaped) qabu mataa isaa irratti argama.

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Riimooraan Wanta Tokkotti Maxxanuuf Qabu

Riimooraan gosa qurxummii uumamawwan galaanaa kaanitti cimsee maxxanuu fi uumama itti maxxane sana immoo utuu hin miidhiin salphaatti irraa buqqaʼuu dandaʼu dha. Qorattoonnis dandeettiiwwan qurxummiin kun qabuun baayʼee dinqisiifamaniiru.

Mee yaadi: Riimooraan gogaan isaanii ykn qolli isaanii maal iyyuu yoo taʼe qurxummiiwwan reey, shaarkii fi weel jedhamanitti, akkasumas qocaa fi uumamawwan galaanaa kaanitti maxxanuu dandaʼa. Riimooraan maxxantootaa fi nyaatawwan uumama itti maxxane irraa hafan nyaata, akkasumas utuu baayʼee hin dadhabin deema, warra isa adamsan irraas eegumsa argata. Qorattoonni Riimooraan uumamawwan galaana keessa jiranii fi gogaa garaa garaa qaban utuu hin miidhiin garuu immoo ciminaan kan isaanitti maxxanu akkamitti akka taʼe beekuuf qorachaa jiru.

Riimooraa qurxummii shaarki weel jedhamutti maxxanee deemaa jiru

Wanti Riimooraan uumamawwan galaana keessa jiranitti akka maxxanu isa gargaaruu fi boca hanqaaquu (oval-shaped) qabu mataa isaa irratti argama. Wanti mataa isaa irra jiru kun immoo wanta furdaa fi lallaafaa uumamawwan galaana keessa jiranitti maxxanuuf isa gargaaru qaba. Wanta mataa isaa irra jiru sana keessas wantoota akka foʼaa xixinnoo fi cimoo taʼantu tarree galee jira. Yommuu wanti furdaa fi lallaafaa taʼe sun dhaabbatutti, wanti akka foʼaa xixinnoo taʼe immoo rigata uumuudhaan gogaa uumamawwan galaana keessa jiranitti maxxana. Riimooraan dandeettii akkasii qabaachuun isaa uumamni inni itti maxxane sun saffisaan kan deemuu ykn akka tasaa kallattii isaa kan jijjiiru taʼus utuu irraa hin buqqaʼin itti maxxanee turuuf isa gargaara.

Saayintistoonni dandeettii Riimooraan wanta tokkotti maxxanuuf qabuun waan dinqisiifamaniif meeshaa nam tolchee dandeettii akkasii qabu kalaqaniiru. Meeshaan boca hanqaaquu (oval-shaped) qabuu fi isaan kalaqan kun wantoota adda addaatti maxxanuu dandaʼa. Qorattoonni meeshaa kalaqan kana erga wanta tokkotti maxxansanii booda humna ulfaatina meeshaa sanaatti dachaa dhibba hedduutti lakkaaʼamuun illee irraa buqqisuu hin dandeenye.

Teknooloojiiwwan dandeettii Riimooraan qabu irratti hundaaʼuudhaan kalaqaman faayidaa hedduu argamsiisu. Kunis qorattoonni uumamawwan galaana keessa jiraatanitti waa maxxansuudhaan qorachuuf, wantoota garba gadi fagoo keessa jiran qorachuuf, akkasumas wantoota riqicha ykn doonii bishaan keessa jiran irratti ibsaawwan ykn meeshaalee maxxansuuf fayyadan kalaquuf isaan gargaareera.

Maal sitti fakkaata? Dandeettii Riimooraan uumamawwan galaana keessa jiraatanitti maxxanuuf qabu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi