LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 44
  • Dandeettii Hoormoononni Qaama Toʼachuuf Qaban

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Hoormoononni Qaama Toʼachuuf Qaban
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • Dhiphinni Maalidha?
    Dammaqaa!—2020
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 44
 Dubartiin tokko haala taayirooyidiin irra jiru mallattoo agarsiisu ilaaluuf daawwitii keessatti morma ishii ilaalaa jirti.

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Hoormoononni Qaama Toʼachuuf Qaban

Qaamni keenya akka gaariitti akka hojjetuuf dhiigni keenya elektiroolaayitii kan akka kaalsiyeemii hamma murtaaʼaa taʼe tokko argachuu qaba. Haa taʼu malee, hammi elektiroolaayitii qaamni keenya guyyaa guyyan argatu garaa gara. Qaamni keenya yeroo hunda hamma elektiroolaayitii sirrii taʼe qabaachuu kan dandaʼu akkamitti?

Qaamni nama fayya buleessa taʼe tokkoo hoormoonota, oomishuu, kuusuu fi gara dhiigaatti gadhiisuudhaan sadarkaa elektiroolaayitiin irra jiru toʼata. Hoormoononni keemikaalota kutaaleen qaamaa sirriitti akka hojjetan toʼatanidha. Hoormooniin xiqqoonillee qaamarratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan, gadhiifamuun hormoonii “adeemsa wal makaa sirriitti hin qindoofne utuu hin taʼin; adeemsa sirrii fi wal xaxaa akka ta’e” ibseera.

Fakkeenyaaf, xannachoonni Paarataayirooyidii morma keessa jiran hammi kaalsiyeemi dhiiga keessa jiru xinnoo yoo jijjiirame addaa baasuu dandaʼu. Xannachoonni kun yeroo baayʼee lakkoofsisaanii afur yommuu taʼu tokkoon tokkoon isaanii hamma ija ruuzii gaʼu.

Fakkiiwwan garaa garaa: Diyaagiraamii xannacha taayirooyidii argisiisu. 1. Fakkii taayirooyidiin fuulduraan maal akka fakkaatu argisiisu; morma keenyarraa bakka kamitti akka argamu argisiisa. 2. Taayirooyidiin karaa duubaatiin mulʼatu xannachoota Paaraatirooyidii argisiisa.

Xannachonni kun hammi kaalsiyeemii sadarkaasaa irraa akka gadi bu’e yoo itti dhaga’ame, dafanii hormoonii gadhiisu; yeroo tokko tokko sekoondii muraasa keessatti kana godhu. Kunis lafeewwan kaalsiyeemota kuufatan gara dhiigaatti akka gadhiisan mallattoo kenna. Kana malees hoormoononni kun kaleen keenya kaalsiyeemii dhiiga keessaa qulqulleessuu akka dhaabu kakaasu. Marʼimmaan qalʼaanimmoo hamma Kaalsiyeem nyaata keessaa fudhatu akka dabalu kakaasu.

Dhiiga keessa kaalsiyeemii baayʼeen yoo jiraatemmoo xannachi kan biraan taayirooyidii jedhamu hoormoonii kan biraa gadhiisa. Hoormooniin kun lafeen kaalsiyeemii baay’ee akka xuuxuu fi akka kuusu mallattoo kan kennuuf yeroo ta’u, kaleen isa yeroo kaanii caalaa kaalsiyeemii baay’ee calaluudhaan akka dhabamsiisu kakaasa.

Hoormoononni kun hoormoonoota qaamni namaa adeemsa garaa garaa sirreessuuf ykn toʼachuuf itti fayyadamu fi dhibbaa ol taʼan keessaa lama qofadha.

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin Hoormoonoonni qaama toʼachuuf qaban jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kan tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi