LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt ful. 2150-2151
  • B1 Dhaamsa Kitaaba Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • B1 Dhaamsa Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dh.K.D. 4026 booda
  • Dh.K.D. 1943
  • Dh.K.D. 1070 booda
  • Dh.K.B. 29
  • Dh.K.B. 33
  • Dh.K.B. naannoo 1914
  • Gara fuulduraatti
  • Raajii Bara Durii Si Ilaallatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yihowaan Kaayyoosaa Ibse
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Abdii Waaqayyo Karaa Raajotaa Kenne
    Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • “Ogummaa Waaqayyoo Isa Iccitii Qulqulluu Keessa Jiru”
    Yihowaatti Dhihaadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
B1 Dhaamsa Kitaaba Qulqulluu

B1

Dhaamsa Kitaaba Qulqulluu

Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Yihowaan bulchuuf mirga qaba. Akkaataan inni itti bulchus hunda irra kan wayyu dha. Kaayyoon inni lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu ni raawwatama.

Addaamii fi Hewaan jannata keessa kan jiran yeroo taʼu, bofnis isaan bira jira

Dh.K.D. 4026 booda

“Bofichi” mirga Yihowaan bulchuuf qabuu fi akkaataa inni itti bulchu irratti gaaffii kaase. Yihowaan “sanyii” yeroo booda boficha, jechuunis Seexana buruqsu akka kaasu waadaa gale. (Uumama 3:​1-5, 15) Haa taʼu malee, Yihowaan namoonni yeroodhaaf dhiibbaa bofichaa jalatti akka of bulchan ni heyyame.

Abrahaam waadaa Waaqayyo isaa gale yommuu dhaggeeffatu

Dh.K.D. 1943

Yihowaan ‘sanyiin’ abdachiifame karaa isaa akka dhufu Abrahaamitti hime.​—Uumama 22:18.

Daawit Mooticha

Dh.K.D. 1070 booda

Yihowaan ‘sanyiin’ abdachiifame karaa hidda dhalootaa isaanii akka dhufu Daawit Mootichaaf, booda immoo ilma isaa Solomoon Mootichaaf mirkaneesse.​—2 Saamuʼel 7:​12, 16; 1 Mootota 9:⁠3-5; Isaayyaas 9:⁠6, 7.

Yesuus yeroo cuuphametti

Dh.K.B. 29

Yihowaan ‘sanyiin’ abdachiifamee fi teessoo Daawit dhaalu Yesuus taʼuu isaa beeksise.​—Galaatiyaa 3:​16; Luqaas 1:​31-​33; 3:21⁠, 22.

Yesuus yeroo duʼetti

Dh.K.B. 33

Bofichi, jechuunis Seexanni Yesuus akka ajjeefamu gochuudhaan yeroo gabaabaadhaaf ‘sanyicha’ miidheera. Yihowaan Yesusiin duʼaa kaasee samii irra akka jiraatu kan godhe siʼa taʼu, gatii jireenya Yesus isa mudaa hin qabnee fudhateera; kunis, dhiifama cubbuutiif, akkasumas sanyiin Addaam jireenya bara baraa akka argatan buʼuura kaaʼeera.​—Uumama 3:​15; Hojii Ergamootaa 2:​32-​36; 1 Qorontos 15:21, 22.

Bofichi, jechuunis Seexanni akkuma Mulʼata keessatti ibsame yommuu gad darbatamu

Dh.K.B. naannoo 1914

Yesus boficha, jechuunis Seexana gara lafaatti darbachuudhaan sochiin isaa akka daangeffamu godheera.​—Mulʼata 12:​7-9, 12.

Yesuus akkuma mulʼata keessatti ibsame teessoo isaa irra taaʼee samii irraa lafa yommuu bulchu

Gara fuulduraatti

Yesus Seexana waggaa 1,000f erga hidhee booda kan isa balleessu siʼa taʼu, kun immoo akka mataa isaa buruqsuutti ilaalama. Achiis, kaayyoon jalqabaa Yihowaan lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu ni raawwatama, maqaan isaa arrabsoo irraa ni qulqulleeffama, akkasumas karaan inni itti bulchu sirrii taʼuun isaa ni mirkanaaʼa.​—Mulʼata 20:⁠1-3, 10; 21:⁠3, 4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi