Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Yuukreen
Gara waggaa soddomaatiif Dhugaa Baatonni Yihowaa Yuukreen keessa jiran seera biyyattii namoota tajaajila loltummaa kennuu hin barbaanneef tajaajila kan biraa kennuu heyyamurraa fayyadamaa turaniiru. Tajaajila akkasii raawwachuun isaanii tajaajila uummataa garaagaraa kennuu fi wanta qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamne raawwachuu dhiisuuf isaan gargaareera.
Haa taʼu malee, Guraandhala 24, 2022tti Yuukreen keessatti waraanni jalqabee loltoota walitti qabuun yeroo jalqabamu, seerri namoota waraanarratti hirmaachuu hin barbaanneef tajaajila kan biraa kennuu heyyamu hafee ture; kunimmoo namoota dhibbaan lakkaaʼamanii fi waraanarratti hirmaachuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamnerra ariʼatamni akka gaʼu taasiseera. Kanaan kan kaʼes, ejjennoo cimaa akkasii kan qabaatan sababii amantii isaaniitiin taʼuusaa fudhachuu didaniiru; akkasumas haalli kun mirga wanta qalbiinsaanii isaaniif hin heyyamnerratti hirmaachuu dhiisuuf qaban kan sarbu ture. Kunis qajeelfamoota mirga namummaa fi Heera Mootummaa Yuukreen isa akkana jedhu wajjin kan wal faallessudha: “Tajaajila loltummaa irratti hirmaachuun amantaa nama tokkoo wajjin yeroo wal faallessutti, tajaajilli loltummaa tajaajila (waraana wajjin wal hin qabanne) kan biraatiin bakka buufamuu qaba.”
Hanga Caamsaa 19, 2025tti dhiironni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan afur waraanarratti hirmaachuuf sammuunsaanii waan isaaniif hin heyyamneef hidhaan jiʼa 36 itti murtaaʼee mana hidhaa jiru. Dhugaa Baatonni dabalataa sadi yeroo ammaatti mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa taʼanii murtiisaanii eeggachaa jiru.
Yaaddoo Qaamolee Addunyaa
Rippoortaroonni Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sadi haala achi jiru erga hubatanii booda Yuukreen keessa tajaajilli kan biraan bakka tajaajila loltummaa kennamu jiraachuu dhiisuunsaa akka isaan yaaddesse ibsaniiru. Marii Sadaasa 8, 2023tti mootummaa Yuukreen wajjin godhan irratti akkana jedhaniiru: “Namoota mirga warra sababii qalbii isaaniitiin tajaajila loltummaa kennuu didanii deeggaran dabalatee, ariʼatamni namoota tajaajila loltummaa kennuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamnerra gaʼaa jirus nu yaaddessa.”
Chaartii Yeroo
Caamsaa 19, 2025
Walumaa galatti Dhugaa Baatonni torba hidhamanii jiru.
Guraandhala 24, 2022
Biyyattiin humna waraanaatiin buluu jalqabde, loltoota balʼinaan walitti qabuunis ni jalqabame.
Waxabajjii 23, 2015
Manni Murtii Olaanaa Yuukreen yeroo loltoonni walitti qabamaa turanitti Viitaalii Shaalayikoon sababii qalbii isaatiin waraanarratti hirmaachuu dhiisuuf mirga akka qabu murteesse.
Muddee 1991
Seerri tajaajila kan biraa (waraana wajjin wal hin qabanne) bakka tajaajila loltummaa kennamu heyyamu ni baʼe.
Guraandhala 28, 1991
Dhugaa Baatonni Yihowaa Yuukreen keessatti beekamtii seeraa argatan.