Abdii—Jireenya Keenya Irratti Jijjiirama ni Fidaa?
DAANIʼEL umuriin isaa waggaa kudhan qofadha, taʼus waggaa tokkoof kaansarii wajjin walʼaansoo gochaa tureera. Akkuma michoota isaa kaanii doktarri isaas isatti abdii kutateera, taʼus Daaniʼel abdii hin kutanne. Inni yommuu guddatu qorataa taʼuudhaan guyyaa tokko qoricha kaansarii akka argatu amanannaa qaba ture. Keessumaa doktara gosa kaansarii isa qabe yaaluu irratti ogeessa taʼee fi dhiheenyatti isa yaaluuf dhufu abdiidhaan eeggachaa ture. Guyyaan beellama isaanii yommuu gaʼu garuu doktarichi haala qilleensaa gaarii hin taaneen kan kaʼe dhufuu hin dandeenye. Yeroo kanatti Daaniʼel dhiphachuu jalqabe, yeroo jalqabaatiifis abdii kutate. Achiis guyyoota muraasa gidduutti duʼe.
Seenaa Daaniʼel kana kan dubbate ogeessa yaalii fayyaa abdii qabaachuu fi abdii qabaachuu dhiisuun jijjiirama inni fayyummaa irratti fidu qoratedha. Isinis seenaa kanaa wajjin walfakkaatu dhageessaniittu taʼa. Fakkeenyaaf maanguddoon tokko duʼuu jala gaʼeera. Taʼus, qophii addaa tokko, jechuunis guyyaa itti nama jaallatu argu ykn yeroo itti yaadannoo tokko kabaju hawwiidhaan eega. Guyyaan qophii kanaa yommuu darbu maanguddoon kun yeruma sana duʼa. Haala kana keessatti wanti jijjiirama fide maalidha? Dhuguma akkuma namoonni tokko tokko jedhan abdiin humna qaba jechuudhaa?
Qorannoowwan yaalii fayyaa hedduun akka argisiisanitti amanannaan, abdii fi miirri gaariin jireenyaa fi fayyummaa nama tokkoo irratti dhiibbaa guddaa geessisu. Yaada kana irratti kan walii galan garuu namoota hundumaa miti. Qorattoonni tokko tokko yaadawwan kana ‘oduu durii saayinsii wajjin wal hin simne’ jechuudhaan fashaleessu. Isaan dhukkubni qaamaa jarmootaan ykn miidhaa qaamaa qofaadhaan akka dhufu amanuuf filatu.
Dhugaadha, faayidaa abdiin qabu shakkuun waan haaraa miti. Waggoottan kumaan lakkaaʼaman dura falaasaan Giriikii Aristootil jedhamu abdiin maal akka taʼe gaafatamee ture. Innis, “Abjuu utuu hin rafin abjoonnu dha” jedheera. Dhiheenyatti immoo bulchaa biyya Ameerikaa kan ture Beenjaamiin Firaankiliin akkas jedheera: “Namni abdiidhaan jiraatu utuu soomuu duʼa.”
Maarree, waaʼee abdii dhugaan isaa maalidha? Wanti hawwinu tokko ni dhugooma jennee akkasumaan yaaduu, jechuunis wanta qabatamaa hin taane irraa jajjabina argachuuf yaaluudhaa? Yookiin abdiin wanta qabatamaa irratti kan hundaaʼedha jechuuf sababii qabnaa? Abdiin buʼuuraa fi faayidaa kan qabu akkasumas fayyummaa fi gammachuu hunda keenyaatiif wanta barbaachisudhaa?