MAATIIDHAAF | GAAʼELA
Waliin Ooduu Dhiisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
HAALA RAKKISAA
Namoonni wal jaallachuuf waadaa galan lama saʼaatii dheeraadhaaf ykn guyyoota hedduudhaaf kan waliin oodan maaliifi? Namoonni kun, ‘Yoo xinnaate wal loluu dhiisneerra’ jedhanii yaadu taʼa. Haataʼu malee, rakkinnisaanii furmaata waan hin arganneef lamaansaaniiyyuu gammachuu hin qaban.
SABABIINSAA MAALIDHA?
Haaloo baʼuu. Namoonni tokko tokko haaloo baʼuuf jecha hiriyaa gaaʼelaasaaniitiin oodu. Fakkeenyaaf, abbaan manaa tokko haadha manaasaa wajjin utuu hin mariʼatin Sanbadduraafi Dilbataaf sagantaa baasa. Isheenis kana yeroo beektu kan namaaf hin yaadne taʼuusaa ibsuudhaan itti dubbatti. Innis waanuma xinnootti dafee akka isheetti dhagaʼamu itti dubbata. Sana booda isa dhiistee kan deemtu taʼuusheerrayyuu isaan ooddi. Yeroo kanatti, “Ati waan na miiteef haaloon sitti baʼa” jechuusheeti.
Yaada jijjiirsisuuf yaaluu. Namoonni tokko tokko, warra kaaniin ooduudhaan wanta barbaadan tokko argachuuf yaalu. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa tokko iddoo tokko waliin deemuuf karoorfatan; yeroo kanatti haati manaa warrishee akka isaanii wajjin deeman barbaaddi. Abbaan manaashee garuu kanarratti walii hin galle. “Anatti malee warrakeetti heerumte miti” isheedhaan jedha. Achiis akka isheen yaadasaa fudhattu abdachuudhaan isheedhaan ooda.
Hiriyoonni gaaʼelaa falmiin yommuu gidduusaaniitti uumamu yeroodhaaf cal jechuun, miirasaanii tasgabbeessuuf akka isaan fayyadu beekamaadha. Cal jechuun akkasii faayidaa qabaachuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Calluma jechuun yeroo qaba” jechuudhaan dubbata. (Lallaba 3:7) Haaloo baʼuuf ykn yaada jijjiirsisuuf jecha cal jechuun garuu, walitti buʼiinsi uumame tokko akka itti fufu gochuurra darbees, kabajni hiriyoonni gaaʼelaa waliif qaban akka badu godha. Wanti akkasii akka isinirra hin geenye gochuu kan dandeessan akkamitti?
MAAL GOCHUU DANDEESSU?
Waliin ooduu dhiisuuf tarkaanfiin inni jalqabaa, kana gochuun keessan rakkina keessaniif furmaata akka hin taane hubachuudha. Hiriyaa gaaʼelaa keessaniin ooduun, haaloo baʼuuf ykn wanta isin barbaaddan akka raawwatu dirqisiisuuf isin gargaaruu dandaʼa taʼa. Taʼus, nama jaallachuuf waadaa galtan haala kanaan qabuu barbaadduu? Karaawwan gaggaariin walitti buʼiinsa uumame hiikuun itti dandaʼamu jiru.
Hubannaa qabaadhaa. Macaafni Qulqulluun jaalalli akka hin ‘dallanne’ ykn akka hin aarre ibsa. (1 Qorontos 13:4, 5) Kanaafuu, hiriyaan gaaʼelaa keessan miiraan kakaʼee, “Ati sirumaa nama hin dhageessu” ykn “Ati yeroo hundumaa ni barfatta” yommuu isiniin jedhu aariidhaan hin deebisinaa. Kanaa mannaa, wanti dubbii sana duuba jiru maal akka taʼe hubachuuf yaalaa. Fakkeenyaaf dubbiin, “Ati sirumaa nama hin dhageessu” jedhu tarii “Ati ilaalcha kootiif iddoo akka hin kennine natti dhagaʼama” jechuu taʼuu dandaʼa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 14:29.
Hiriyaa gaaʼelaa keessan akka faallaa keessaniitti utuu hin taʼin akka nama waliin hojjetuutti ilaalaa
Sagalee keessan gad qabaa. Falmiin yeroo itti fufaa adeemu sagaleenis ol kaʼaa adeema. Karaa garabiraammoo, falmiin uumame haala gadheerra akka hin geenye gochuu ni dandeessu. Akkamitti? Kitaabni, Faayitiing foor Yuur Meereej jedhamu akkas jedheera: “Sagalee laafaadhaan dubbachuufi ilaalcha hiriyaa gaaʼelaa ofii hubachuun mala gaarii walitti buʼiinsa uumameefi iyya hirʼisuun itti dandaʼamudha. Yeroo baayʼee kana gochuun qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa.”—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 26:20.
Ofiirratti utuu hin taʼin lamaan keessanirratti xiyyeeffadhaa. Macaafni Qulqulluun, “Namni waan isatti tolu utuu hin taʼin, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!” jedha. (1 Qorontos 10:24) Hiriyaa gaaʼelaa keessan akka faallaa keessaniitti utuu hin taʼin akka nama waliin hojjetuutti kan ilaaltan taanaan, daftanii itti hin aartan, isa hin falmitan, isaan hin ooddanis.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Lallaba 7:9.
Waliin ooduun gorsa Macaafni Qulqulluun, “Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jechuudhaan kennuu wajjin kan wal faallessudha. (Efesoon 5:33) Waliin ooduun gaaʼela keessan keessatti wanta fudhatama hin qabaanne taʼuusaa ilaalchisee maaliif walii galtee hin gootan?