MATADUREE FUULA JALQABAA
Umrii Hammamii Jiraachuu Dandeessa?
HAARIYET bara 2006tti yommuu duutu, umriinshee waggaa 175 ture. Haata’u malee, Haariyet nama miti. Kanaa mannaa, qocaa odoola Gaalaapaagos keessaa dhufteefi biyya Awustiraaliyaa bakka bineensonni itti eegaman keessa jiraachaa turtedha. Umrii keenyaa wajjin yommuu walbira qabamu Haariyet umrii dheeraa jiraatte. Haata’u malee, umrii uumamawwan kan biraa wajjin yommuu walbira qabamu, umriinshee hamma kana kan nama dinqisiisu miti. Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.
Uumamni bishaan keessa jiraatuufi piirl masil jedhamu, hanga waggaa 200 jiraachuu akka danda’u qorattoonni Fiinlaandi ibsaniiru.
Uumamni birowiing kilaam jedhamuufi garba keessa jiraatummoo yeroo baay’ee waggaa 100 ol kan jiraatu si’a ta’u, waggaa 400 ol akka jiraatus gabaafameera.
Mukoonni garaagaraa kanneen akka Birislikan paayin, sekoyaa, saayiprasiifi ispiruus jedhaman waggoota kumaan lakkaa’aman jiraatu.
Ilmaan namootaa warri uumama lafarra jiru hunda caalan garuu, umrii dheeraa jiraachuuf carraaqqii cimaa yoo godhaniyyuu waggaa 80 ykn 90 jiraatu!
Maal sitti fakkaata? Jiraachuu kan dandeenyu waggaa 80 ykn 90 qofadhaa? Moo carraan sanaa ol jiraachuu itti dandeenyu jira? Namoonni baay’een saayinsiifi teknoolojiin fayyaa, kana gochuu akka danda’u dubbatu.
Saayinsiin Furmaata Argamsiisuu Danda’aa?
Saayinsiin gama fayyaafi qorichaatiin gumaacha guddaa godheera. Barruun Saayintifiik Ameerikaan jedhamu akkas jedheera: “[Yunaayitid Isteetis keessatti] namoonni dhukkuba daddarbuun du’an ykn daa’imman rakkina yommuu dhalatan isaanirra ga’uun du’an muraasadha. Bara 1960 eegalee duuti daa’immanii parsantii 75n hir’ateera.” Umriin namootaa akka dabalu gochuurratti garuu, milkaa’inni saayinsiin argate muraasadha. Barruun Saayintifiik Ameerikaan maxxansasaa gara biraarratti, “Waggoota kurnan hedduudhaaf qorannoon erga godhamee boodallee, namni maaliif akka dulloomu beekuun hin danda’amne” jedheera. Haata’u malee, “namni kan dulloomu, sagantaan jiinii keenya keessatti argamuufi guddina seelota keenyaa to’atu sirriitti hojjechuu yommuu dadhabu akka ta’e ragaa jirurraa hubachuun ni danda’ama.” Barruun kun itti fufuudhaan, “Sababiin dullumaa inni guddaan akkaataa jiiniin keenya itti hojjeturratti kan hundaa’e yoo ta’e, guyyaa tokko hambisuun kan danda’amu fakkaata” jedheera.
“Waggoota kurnan hedduudhaaf qorannoon erga godhamee boodallee, namni maaliif akka dulloomu beekuun hin danda’amne”
Saayintistoonni tokko tokko sababii dullumaafi dhukkuboota dullumaa wajjin wal qabatee dhufan beekuuf, damee qorannoo jenetikisii dhiheenya jaqabameefi eppiijenetiksi jedhamurratti qorannoo gochaa jiru. Haata’u malee, eppiijenetiiksiin maalidha?
Seelonni lubbuu qaban, odeeffannoo jiinii seelii haaraa oomishuuf barbaachisu of keessaa qabu. Odeeffannoowwan kun baay’eensaanii jiinomii isa DNA seelii keessatti argamu hunda argisiisu keessatti argamu. Haata’u malee, yeroo dhihoodhaa asitti, saayintistoonni akkaataa seeliin itti hojjetuufi eppiijiinom jedhamurratti qorannoo gadi fageenya qabu godhaniiru. Eppiijiinom jechuun “jiinomiirra kan caalu” jechuudha. Eppiijenetiksiin, qorannaa akkaataa seeliin itti hojjetuufi akkaataa keemkaalonni seelii keessatti argaman itti walitti makamanirratti godhamudha.
Molokiyuulonni eppiijiinomii argamsiisan DNArraa guutummaatti addadha. DNAn yaabbannoo jajal’aa ykn dadacha’aa kan fakkaatu si’a ta’u, eppiijiinomiin garuu keemikaala DNArratti maxxanee argamudha. Ga’een eppiijiinomii maalidha? Akkuma hogganaan garee sirbaa tokko garichaaf qajeelfama kennu, epijenoomiinis odeeffannoon jiinii, DNA keessatti argamu akkamitti akka hojjetu to’ata. Mallattoowwan bifa molokiyuuliitiin jiran kun, wantoota seelichaaf barbaachisaniifi seelicharratti dhiibbaa godhan, kanneen akka nyaata, dhiphinaafi summii jiranirratti hundaa’uudhaan jiiniin muraasni akka hojjetu ykn hojii akka dhaabu godhu. Qorannoon dhiheenyatti eppiijiinomiirratti godhame, eppiijiinomiin dhukkuboota tokko tokkoo wajjin, darbees dullumaa wajjin akka wal qabatu waan mirkaneesseef, ilaalcha gama qorannaa lubbu qabeeyyiitiin hanga ammaatti turerratti jijjiirama guddaa fideera.
Neesaa Keerii isheen waa’ee eppiijenetiiksii qorattu akkas jetteetti: “[Eppiijenetiiksiin] dhukkuboota kanneen akka waa irraanfachuu (iskezofriiniyaa), rumaatoyid artiraayitas, kaansariifi dhukkubbii cimaa wajjin hariiroo qaba.” Kana malees, “namni akka dulloomu gochuurratti ga’ee guddaa qaba.” Kanaaf, qorannoon eppiijenetiiksiirratti godhamu, kaansarii dabalatee dhukkuboota ittisuudhaan yaalii fayyaa bu’a qabeessa ta’e argamsiisuu waan danda’uuf umrii dheeressuu danda’a. Haata’u malee, hanga har’aatti gama kanaan furmaanni argame hin jiru. Neesaa Keeriin “[Dullumaa wajjin qabsaa’uuf] ammayyuu waanuma dur goonu, jechuunis kuduraafi fudura nyaachuufi sochii qaamaa gochuutti jirra” jetteetti.
Ta’us, namoonni umriisaanii dheeressuuf akkas kan dhiphatan maaliifi? Barabaraaf jiraachuu kan barbaannu maaliifi? Gaazexaan Za Taayims jedhamuufi Biritaaniyaatti qophaa’u, “Namoonni du’a sodaachuudhaan ‘lubbuun hin duutu,’ akkasumas ‘du’aa ka’uun jira’ kan jedhaniifi rii’inkarneeshiniitti kan amanan maaliifi?” jechuudhaan gaafateera. Deebii gaaffii kanaa kanatti aansinee kan ilaallu si’a ta’u, kunimmoo sababii dullumaa baruuf nu gargaara.
Barabaraaf Jiraachuu Kan Barbaannu Maaliifi?
Namoonni deebii gaaffii kanaa baruuf waggoota kumaan lakkaa’amaniif carraaqqii gochaa turaniiru. Deebii amansiisaa, akkaataa ijaarsa qaama keenyaafi fedhii barabaraaf jiraachuuf qabnuu wajjin wal simu argachuun ni danda’amaa? Namoonni miliyonaan lakkaa’aman gaaffii kanaaf deebii eeyyee jedhu kennu. Maaliif? Akkaataa uumama namaa ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessaa deebii quubsaa ta’e waan argataniifidha.
Macaafni Qulqulluun, jalqabumaa kaasee namoonni wanta uumama kan biraa wajjin wal isaan fakkeessu muraasa yoo qabaataniyyuu adda akka ta’an ibsa. Fakkeenyaaf, Uumamni 1:27, Waaqayyo akka fakkeenyasaatti nama akka uume dubbata. Akkamitti? Dandeettii amaloota kanneen akka jaalala, firdii qajeelaafi ogummaa jiranii argisiisuu nuu kenneera. Waaqayyo barabaraaf waan jiraatuuf fedhii barabaraaf jiraachuus nuu kenneera. Lallabni 3:11 (NW), Waaqayyo ‘hawwii barabaraaf jiraachuu yaada ilmaan namootaa keessa akka kaa’e’ dubbata.
Namoonni kan uumaman barabaraaf akka jiraataniif ta’uusaa, dandeettii sammuun keenya waa barachuuf qaburraa hubachuun ni danda’ama. Kitaabni Za Insaayikilooppiidiyaa oof za Bireeyin eend Bireeyin Diisoorders jedhamu, dandeettiin sammuun keenya yeroo dheeraadhaaf odeeffannoo hedduu qabachuuf qabu “daangaa hin qabu jechuun ni danda’ama” jedheera. Dandeettii kana hundatti hin fayyadamnu erga ta’ee qabaachuun maaliif nu barbaachise? Eeyyee, ilmaan namootaa karaawwan gurguddaa ta’aniin kaayyoo waaqayyo jalqaba isaaniif baasee wajjin wal simu. Erga akkas ta’ee, kan dulloomnu, rakkinni kan nurra ga’uufi kan duunu maaliifi?
Kan Dulloomnuufi Kan Duunu Maaliifi?
Addaamiifi Hewwaan qaama mudaa hin qabneefi mirga filannaa qabu turan. Kan nama gaddisiisu garuu, Uumaasaaniirratti ka’uudhaan mirgasaanii kana karaa sirrii hin taaneen itti fayyadaman.a (Uumama 2:16, 17; 3:6-11) Abbomamuu diduu ykn cubbuu hojjechuunsaanii, akka of ceepha’aniifi akka qaana’an isaan godheera. Akkasumas qaamnisaanii akka manca’u, jechuunis dafee tarkaanfii fudhachuu akka dadhabuufi dhumarrattis akka du’u godheera. Qorontos Isa Duraa 15:56, “Arfiin du’atti nama oofu cubbuu dha” jedha.
Ilmaan namootaa karaa seera uumamaa Addaamiifi Hewwaanirraa fedhii wanta sirrii hin taane raawwachuufi cubbuu dhaalaniiru. Roomaan 5:12, “cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e” jedha.
Kanaaf wantoota armaan olitti ilaallerraa maal hubanna? Namni barabaraaf jiraachuu kan danda’u akkamitti akka ta’e, qorannoo laabraatorii keessatti godhamurraa beekuun hin danda’amu. Miidhaa cubbuun fide balleessuu kan danda’u Waaqayyo qofadha. Garuu ni balleessaa? Macaafni Qulqulluun deebii “eeyyee” jechuuf nu gargaru nuu kenna.
“Raawwatees Du’a In Balleessa”
Waaqayyo cubbuufi du’a balleessuuf tarkaanfii isa guddaa fudhateera. Nuuf jedhee akka du’u Yesus Kiristosiin ergeera. Duuti Yesus kan nu gargaaru akkamitti? Yesus mudaa kan hin qabne ta’ee kan dhalate si’a ta’u, “cubbuu hin hojjenne.” (1 Phexros 2:22) Kanaaf, nama mudaa hin qabne ta’ee lafarra barabaraaf jiraachuuf mirga qaba ture. Haata’u malee, jireenyasaa cubbuurraa bilisa ta’e kanatti kan fayyadame akkamitti? Cubbuu keenyaaf jedhee aarsaa nuu godheera. Eeyyee, Yesus ‘lubbuusaa namoota baay’eedhaaf furii godhee’ kenneera. (Maatewos 20:28) Yeroo dhihootti, furiin kun guutummaatti faayidaa nuuf argamsiisa. Kun siif hiika maalii qaba? Caqasoota armaan gadii ilaali.
“Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”—Yohannis 3:16.
“Raawwatees du’a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.”—Isaayaas 25:8.
“Hundumaa booddee diina keenya du’atu golgoleeffama.”—1 Qorontos 15:26.
“Iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, . . . inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; . . . duuni deebi’ee hin argamu.”—Mul’ata 21:3, 4.
Kanaaf, umrii hammamii jiraachuu dandeessa? Deebiin Macaafni Qulqulluun kennu ifadha: Waaqayyo hammeenya balleessuudhaan lafa kana erga qulqulleessee booda, abdiin ilmaan namootaa barabaraaf jiraachuuf qaban ni raawwatama. (Faarfannaa 37:28, 29) Yesus namicha isa cinaa fannifamee tureen, “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” yommuu jedhe abdii dinqisiisaa ta’e kana yaadatti qabatee ture.—Luqaas 23:43.
Eeyyee, hawwiin namoonni barabaraaf jiraachuuf qaban, fedhii uumamaan argataniifi raawwatamuu danda’udha. Waaqayyo barabaraaf jiraachuuf fedhii akka qabaannu godhee nu uume. Kanaaf, fedhii keenya kana nuuf guuta. (Faarfannaa 145:16) Haata’u malee, nutis ga’ee keenya raawwachuu qabna. Fakkeenyaaf, amantii Waaqayyorratti qabnu guddifachuun keenya barbaachisaadha. Ibroonni 11:6, “Amantii malee . . . Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi’aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira” jedha. Amantiin akkasii akkasumaan utuu hin ta’in, Macaafa Qulqulluu sirriitti beekuudhaan kan argamudha. (Ibroota 11:1) Amantii akkasii qabaachuu yoo barbaadde, Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argamanii wajjin mari’achuu ykn Weeb saayitii keenya www.jw.org jedhamu ilaaluu ni dandeessa.
a Addaamiifi Hewwaan fincila kaasuunsaanii Waaqayyoo wajjin haala walqabateen gaaffii guddaa kaaseera. Gaaffiin kun Waaqayyo hammeenyi yeroo gabaabaadhaaf akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e baruuf kan nu gargaaru si’a ta’u, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaarurratti ibsameera. Kitaaba kana Weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa dubbisuu ni dandeessa.