LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 10/13 ful. 12-13
  • Saalqunnamtii Gaa’ela Dura Raawwatamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saalqunnamtii Gaa’ela Dura Raawwatamu
  • Dammaqaa!—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaa’ela dura saalqunnamtii raawwachuun dogoggoradhaa?
  • Namoonni wal hin fuune karaa kamiiniyyuu saalqunnamtii raawwachuunsaanii dogoggoradhaa?
  • Saalqunnamtii seeraan ala ta’erraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?
  • Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • “Halalummaa Irraa Baqadhaa!”
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Daangaa Isaa Darbineerra Kan Jedhamu Yoomi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtiitti Gammaduu ni Dhowwaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dammaqaa!—2013
g 10/13 ful. 12-13
[Fakkii fuula 12⁠rra jiru]

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Saalqunnamtii Gaa’ela Dura Raawwatamu

Gaa’ela dura saalqunnamtii raawwachuun dogoggoradhaa?

“Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii . . . jiraachuu isin irraa in fedha.”​—1 Tasaloniiqee 4:3.

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Aadaawwan tokko tokko, saalqunnamtii namoota wal hin fuune gidduutti raawwatamu ni heyyamu. Naannoo tokko tokkotti, dargaggoonni wal hin fuune karaa ta’e tokkoon saalqunnamtii raawwachuunsaanii akka waan fudhatama qabuutti ilaalama.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun saalqunnamtiin gaa’elaan ala raawwatamu kamiiyyuu “halalummaa” akka ta’e dubbata. Waaqayyo waaqeffattoonnisaa ‘halalummaarraa akka fagaatan’ irraa eega. (1 Tasaloniiqee 4:3) Halalummaan, cubbuuwwan gurguddoo kanneen akka ejjaa, gocha hafuura xuraa’ummaa, machii, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu, ajjeechaafi hannaa wajjin tarreeffameera.​—1 Qorontos 6:9, 10; Mul’ata 21:8.

WAA’EE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?

Sababiin inni tokko, Macaafni Qulqulluun ‘Waaqayyo warra halaleetti akka faradu’ waan akeekkachiisuufidha. (Ibroota 13:4) Hunda caalaammoo, abboommii Yihowaan saalqunnamtii ilaalchisee kenneef ajajamuudhaan akka isa jaallannu mirkaneessina. (1 Yohannis 5:3) Innis namoota abboommiisaa eegan ni eebbisa.​—Isaayaas 48:18.

Namoonni wal hin fuune karaa kamiiniyyuu saalqunnamtii raawwachuunsaanii dogoggoradhaa?

“Halalummaan, xuraa’ummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhaga’amin iyyuu.”​—Efesoon 5:3.

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni hedduun, namoonni wal hin fuune saalqunnamtii hamma hin raawwannetti, gochawwan saalqunnamtii wajjin walqabatan kaan yoo raawwatan dogoggora hin qabu jedhanii amanu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafa Qulqulluu keessatti halalummaan ejja raawwachuu qofa utuu hin ta’in, “xuraa’ummaa” fi “jireenya gad-dhiisii” kan argisiisudha. (2 Qorontos 12:21) Ifatti hubachuun akka danda’amutti, saalqunnamtiin raawwatamuu baatullee, gochawwan saalqunnamtii wajjin walqabataniifi gaa’elaan alatti yommuu raawwataman Waaqayyoon gaddisiisan hedduun jiru.

Macaafni Qulqulluun, gochi saalqunnamtii wajjin wal qabate kamiiyyuu raawwatamuu kan qabu dhiiraafi dubartii walfuudhan gidduutti qofa akka ta’e dubbata. Akkasumas Macaafni Qulqulluun, “hawwa ejjaatti of kennuu” ni balaaleffata. (1 Tasaloniiqee 4:5, hiika bara 1899) Kana jechuun maal jechuudha? Fakkeenyaaf, dhiiraaf durbi wal hin fuune tokko saalqunnamtii akka hin raawwanne murteessaniiru ta’a. Ta’us, gochawwan saalqunnamtii wajjin walqabatan kaan ni raawwatu. Akkas gochuudhaan, wanta kansaanii hin taane hawwaa jiru. Kanaaf, ‘hawwa ejjaatti of kennaniiru’ jechuudha. Macaafni Qulqulluun, hawwa saalqunnamtii akkasii ni balaaleffata.​—Efesoon 5:3-5.

Saalqunnamtii seeraan ala ta’erraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?

“Halalummaa baqadhaa!”​—1 Qorontos 6:18.

WAA’EE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?

Macaafni Qulqulluun, namoonni gaa’ela dura saalqunnamtii raawwatan michummaa Waaqayyoo wajjin qaban balaadhaaf akka saaxilan dubbata.​—Qolosaayis 3:5, 6.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun, “Halalummaa baqadhaa!” jechuudhaan gorsa kenna. (1 Qorontos 6:18) Kana jechuun, namni tokko hamma isaa danda’ametti wanta saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuutti isa geessuu danda’u kamirraayyuu fagaachuu qaba jechuudha. (Fakkeenya 22:3) Fakkeenyaaf, namni tokko gama kanaan qulqullinasaa eeguuf, namoota saalqunnamtii ilaalchisee seera bu’uuraa Waaqayyo baase hin kabajnetti michoomuurraa fagaachuu qaba. Macaafni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta’a; miiltoon gowwootaa garuu in bada” jechuudhaan akeekkachiisa.​—Fakkeenya 13:20.

Yaadawwan qulqulluu hin taaneen sammuu keenya guutuunis, saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuutti nu geessuu danda’a. (Roomaa 8:5, 6) Kanaaf, muuziqaa, viidiyoo, barreeffama, akkasumas wantoota fedhii saalqunnamtii kakaasan ykn gocha saalqunnamtii Waaqayyoon gaddisiisu raawwachuu gama ta’e tokkoon jajjabeessan kamirraayyuu fagaachuun barbaachisaadha.​—Faarfannaa 101:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi