LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 1/15 ful. 16
  • Luka Fardaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Luka Fardaa
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dammaqaa!—2015
g 1/15 ful. 16
Horses galloping

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Luka Fardaa

FARDI saʼaatii tokkotti kiilomeetira 50 gulufuu dandaʼa. Kun sochii qaamaa hedduu gochuu kan gaafatu taʼus, humni fardichi itti fayyadamu garuu muraasa jechuun ni dandaʼama. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Iccitiin isaa luka fardichaa wajjin kan wal qabate dha.

Fardi yeroo gulufutti wanta taʼu mee ilaali. Ribuun maashaa isaa inni dhifamuu dandaʼu yeroo lukti fardichaa lafa tuqu humna walitti sassaaba; achii akkuma ispiriingii humna walitti qabate gadhiisuudhaan fardichi gara fuulduraatti akka darbatamu godha.

Kana malees, yeroo fardi gulufutti lukni fardichaa yeroo muraasa keessatti siʼa baayʼee waan hurgufamuuf ribuun isaa miidhamuu ni dandaʼa. Haa taʼu malee, maashaaleen luka isaa keessa jiran hurgufama kana ni tasgabbeessu. Qorattoonni, akkaataan uumamaa kun “dizaayinii riibuu maashaa adda taʼee” fi saffisaa fi cimina qabaachuuf dandeessisu akka taʼe dubbatu.

Injiinaroonni, roobootii luka afur qabu yeroo hojjetanitti diizaayinii luka fardaa kana fakkeessanii hojjechuuf yaalaa jiru. Haa taʼu malee, dhaabbanni teknoolojii Maasaachuuseetis keessatti argamuu fi uumamatti fakkeesse roobootii hojjetu akka jedhetti, diizaayiniin luka fardaa kun baayʼee wal xaxaa waan taʼeef meeshaa fi beekumsa injiinariingii yeroo harʼaa jirutti fayyadamanii fakkeessanii hojjechuun ulfaataa dha.

Maal sitti fakkaata? Lukni fardaa jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi