LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 4/15 ful. 6
  • Hiriyaa Ga⁠a⁠ʼelaatiif Amanamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hiriyaa Ga⁠a⁠ʼelaatiif Amanamuu
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Guyyaa Cidhaa Booda
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Gaa’elli Yeroo Diigamuuf Jedhu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2015
g 4/15 ful. 6

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFNI QULQULLUUN YEROO HARʼAATTI NI FAYYADAA?

Seerawwan buʼuuraa Namoota Hundaaf Hojjetanii fi Yeroon Itti Hin Dabarre​-Hiriyaa Gaaʼelaatiif Amanamuu

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Gaaʼelli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas hin xureeffamin!”—Ibroota 13:4.

FAAYIDAA ISAA: Namoonni tokko tokko yaadni kun kan yeroon itti darbe akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Garuu baayʼee dogoggoraniiru! Amanamaa taʼuu dhiisuun akkuma yeroo Macaafni Qulqulluun barreeffametti miidhaa geessisaa ture, yeroo harʼaattis miidhaa ni geessisa.—Fakkeenya 6:34, 35.

Jeesiin, inni haadha manaa fi ijoollee qabu akkana jedhee barreesseera: “Gaaʼela keessatti amanamuun, haadha manaa koo wajjin walitti dhufeenya cimaa akkan qabaadhuu fi gammachuu akka qabaannu godheera. Eeyyee, wal amanuun gaaʼela keessatti baayʼee barbaachisaa dha. Hiriyaa gaaʼelaatiif amanamaa taʼuu dhiisuun, gaaʼela keessa amantiin akkasii akka hin jiraanne godha.” Ijoollees baayʼee miidha!

Ligaayaana gaaʼela ishee rakkina keessa galchitee turte. Akkana jetteetti: “Namoota gadhee wajjin hiriyoomuun jalqabe. Kun immoo bashannana halkanii gadhiisii taʼe irratti akkan hirmaadhuu fi abbaa manaa kootiif amanamtuu akkan hin taane na taasise.” Akkaataan jireenyaa kun gammachuu isheedhaaf argamsiiseeraa? Isheenii fi abbaan manaa ishee yeroo hunda walitti buʼu turan; isheenis gammachuu hin qabdu turte. Itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Rakkina yeellaasisaa ani ofitti fide irratti yeroon xiinxalu, warri koo ‘Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa’ jechuun isaanii sirrii akka turen hubadhe.”—1 Qorontos 15:33.

Ligaayaan itti fufuudhaan, “Haallin keessa jiru caalaatti utuu hin hammaatin, jireenya koo isa gadhee dhiisuu fi Macaafa Qulqulluu qayyabachuufan murteesse; yeroo kanatti garuu wantan baradhe hojii irra oolchuun jalqabe” jetteetti. Faayidaa akkamii argatte? Gaaʼela ishee diigamuu irraa kan oolchite taʼuu isaa irra iyyuu, abbaan manaa ishee gaarummaa fi kabajaan ishee qabuu jalqabe. “Macaafni Qulqulluun jireenya koo jijjiireera; akkaataa jireenyaa koo fi hiriyoota koo duraanii dhiisuu kootti hin gaabbu” jetteetti.

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi