LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 7/15 ful. 3-5
  • Ijoollee Adabuun Hafaa Jiraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoollee Adabuun Hafaa Jiraa?
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Aangoon Warraa Laafaa Jira
  • Ilaalcha Jijjiiruu
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Adaba Buʼaa Gaarii Argamsiisu
    Dammaqaa!—2015
  • Biyya Lafaa Ofittoo Taʼe Keessatti Ijoollee Warra Kaaniif Yaadan Guddisuu
    Dammaqaa!—2013
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2015
g 7/15 ful. 3-5
1. Mucaa waggaa afurii ashaangulliitii qabatee jiru; 2. Intala waggaa shanii harka marattee jirtu; 3. Mucaa waggaa 12 mudhii qabatee jiru

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Ijoollee Adabuun Hafaa Jiraa?

Waggoota dhihoodhaa asitti haalli jireenyaa maatiiwwan biyyoota Dhihaatti argamanii karaa nama dinqisiisuun jijijjiiramaa jira. Kanaan dura, warri ijoollee irratti aangoo kan qaban siʼa taʼu, isaanis warra isaaniitiif ni abboomamu turan. Yeroo harʼaatti garuu haalli maatiiwwan tokko tokko keessatti mulʼatu faallaa kanaa ti. Fakkeenyawwan armaan gaditti caqasamanii fi mudachaa jiran ilaali.

  • Mucaan waggaa afurii tokko haadha isaa wajjin suuqii utuu jiruu ashaangulliitii tokko fudhate. Haati isaa isa dhowwuu yaaluudhaan akkas jetteen: “Ashaangulliitii baayʼee qabda mitii?” Booda garuu, “Mitii?” jettee isa gaafachuun ishee sirrii akka hin turre hubatte. Mucichis, “Kanas nan barbaada!” jedhee of nyaachuu jalqabe. Akkuma amala isaa akka inni hin boonye waan barbaaddeef haati isaa ashaangulliiticha isaaf bitte.

  • Intallii waggaa shanii tokko abbaan ishee utuu nama kan biraa wajjin haasaʼaa jiruu maree isaanii gidduu seentee, “Nan nuffe, garaa manaa deemuun barbaada!” jette. Abbaan ishees wanta dubbachaa jiru addaan kutee, gadi jedhee sagalee laafaadhaan akkas jedheen: “Bareedduu ko, daqiiqaa xinnoo ishee naa obsi.”

  • Jamsi inni umuriin isaa waggaa 12 taʼe ammas barsiistuu isaatti akka iyye himatame. Abbaan Jamsi ilma isaatti utuu hin taʼin barsiistuu sanatti aare. Jamsiin,“Yeroo hundumaa balleessaa si irratti barbaaddi. Dhaqeetan boordii mana barumsichaatti ishee himadha!” jedhe.

Fakkeenyonni olitti ibsaman seenaa dhugaa taʼuu baatanis, wanta taʼaa jiru sirriitti kan argisiisani dha. Fakkeenyonni kun, maatiiwwan addaggummaa ijoollee bira darban, wanta isaan gaafatan hunda isaaniif godhan, akkasumas miidhaa amalli isaanii inni gadheen isaanitti fide jalaa ijoollee isaanii oolchaa jiran keessa rakkina jiru kan argisiisani dha. Kitaabni Za Narsisiizim Eppiidemik jedhamu, “Warri ijoolleedhaaf aangoo gadhiisaa akka jiran arguun baayʼee baramaa taʼeera. Yeroo muraasa dura, ijoolleen aangoo kan qabu eenyu akka taʼe, jechuunis isaan akka hin turre beeku turan” jechuudhaan ibseera.

Dhugaa dha, warri hedduun ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuudhaan qofa utuu hin taʼin, yeroo barbaachisutti adaba cimaa jaalala irratti hundaaʼe isaaniif kennuudhaan, ijoollee isaanii seera amalaa gaarii barsiisuuf ni carraaqu. Warri kana gochuun buʼaa akkamii akka qabu hubatan, kitaabni olitti caqasame akka ibsetti, “wanta gama aadaatiin fudhatama qabu irraa faallaa taʼe raawwachaa jiru.”

Haalli kun sadarkaa kana irra akka gaʼu wanti taasise maali dha? Ijoollee adabuun hafaa jiraa?

Aangoon Warraa Laafaa Jira

Namoonni tokko tokko akka dubbatanitti aangoon warraa laafuu kan jalqabe bara 1960⁠niitii kaasee, jechuunis yeroo beektonni, warri ijoollee isaaniitiif caalaatti bilisummaa akka kennan jajjabeessaa turanitti dha. Akkana jedhu turan: ‘Michuu isaaniif taʼaa malee aangoo keessan isaan irratti hin argisiisinaa.’ ‘Adabuu irra galateeffachuu wayya.’ ‘Ijoolleen keessan wanta sirrii hin taane yeroo hojjetan isaan sirreessuu mannaa, wanta gaarii isaan hojjetan irratti xiyyeeffadhaa.’ Beektonni kun, galateeffachuu fi sirreeffama kennuu wal faana deemsisuu mannaa, ilaalcha ijoollee sirreessuun miira isaanii isa salphaatti hubamu jalaa miidha, akkasumas erga guddatanii booda warra isaanii irratti haaloo akka qabatan godha jedhu waan babalʼisan fakkaata.

Akkasumas, yeroo dheeraa dura beektonni faayidaa ofitti amanamummaan qabu labsaa turan. Akka waan ijoollee akka gaariitti guddisuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe iccitiin ibsu akka tasaa argamee, Ijoolleen kee waaʼee ofii isaanii miirri gaariin akka itti dhagaʼamu godhi! jedhu turan. Ijoolleen ofitti amanannaa akka qaban gochuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. Yaanni gar malee ofitti amanamuu jajjabeessu garuu miidhaa qaba. Beektonni warraan, ‘Jechoota kan akka lakki ykn gadhee jedhanitti hin fayyadaminaa.’ ‘Ijoolleen keessan adda akka taʼanii fi wanta taʼuu barbaadan hunda taʼuu akka dandaʼan yeroo hunda itti himaa’ jedhu turan. Yaadni kun, gaarii taʼuu mannaa gaarii akka taʼan itti dhagaʼamuun isaa caalaatti barbaachisaa dha ergaa jedhu dabarsa.

Warra mucaa isaanii teessoo mootii irra taaʼee jiruuf kabaja keessa baʼaa kennaa jiran

Ijoolleen gar malee akka ofitti amanaman jajjabeessuun, akka moosifaman akka itti dhagaʼamu gochuudhaan alatti wanta fayyade hin qabu

Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akka jedhanitti ijoolleen gar malee akka ofitti amanaman jajjabeessuun, akka waan addunyaan kan isaanii taʼetti akka moosifaman akka itti dhagaʼamu gochuudhaan alatti wanta fayyade hin qabu. Akkasumas, kitaabni Janareeshin Mii jedhamu, ilaalchi kun dargaggoonni hedduun, “jireenya isaanii keessatti ceephoo isaan mudatu, akkasumas milkaaʼina dhabuu darbee darbee isaan mudatuuf akka isaan hin qopheessine” dubbateera. Abbaan kitaaba kana keessatti yaada kenne tokko akkas jedheera: “Bakka hojiitti namni waaʼee ofitti amanamummaa kee dhimma qabu hin jiru. . . . Gabaasa gaarii hin taane waajjirichatti yoo dhiheessite, hogganaan kee, ‘Bifa waraqaa ati gabaasa ittiin dhiheessitee jaalladheera’ siin hin jedhu. Karaa kanaan ijoollee guddisuun miidhaa irraan geessisa.”

Ilaalcha Jijjiiruu

Waggoota kudhaniin lakkaaʼamanii asitti, akkaataan warri ijoollee itti guddisan, yeroo baayʼee ilaalcha namootaa saffisaan jijijjiiramaa jiru kan calaqqisiisu dha. Hayyuun Roonaald Mooriish jedhaman akkana jedhaniiru: “Adabni jijijjiiramaa jira. Kun immoo jijjiirama hawaasa keenya keessa jiru kan argisiisu dha.”a Kanaafuu, akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, warri salphaatti ‘dhaʼaan asii fi achi isaan rukutuu fi qilleensi barsiisa namootaa isaan fudhachuu’ dandaʼa. —Efesoon 4:14.

Adabaa wajjin haala wal qabateen ejjennoo laafaa qabaachuun dhiibbaa gadhee akka geessise ifa dha. Aangoo warri qaban laaffisuu qofa utuu hin taʼin, ijoolleen qajeelfama filannoo gaarii gochuuf, akkasumas ofitti amanannaa dhugaadhaan akka jiraatan isaan dandeessisu akka hin argannee isaan taasiseera.

Karaan kana irra wayyu jiraa laata?

a Dalga ciibsee kan barreesse nuyi dha; kitaaba Sakreets oov Disippiliin: Tuweelv Kiis foor Reeyiziing Rispoonsibil Chiildiran.

Wanta Dogoggora Taʼe Barsiisuu Taʼaa Laata?

Haala armaan gadii keessa akka jirtu godhii yaadi.

  • Saʼaatii barumsaa boodaa fi Sanbadduraa fi Dilbata ilmii fi intalli kee dammaqoo akka taʼaniif sochii garaa garaa irratti akka hirmaatan goota. Akkana ofiin jetta: ‘Baayʼee dadhabeera, garuu ijoolleen koo akka lubbuu kootti akkan isaan ilaaluu fi wanta kam iyyuu akkan isaaniif godhu beeku. Haadha gaarii taʼuu jechuun kana miti ree?’

    Mee yaadi: Ijoolleen kee sochii garaa garaa irratti akka hirmaataniif jecha baayʼee dadhabuun kee, dhuguma maal kan isaan barsiisu sitti fakkaata? Tarii ijoolleen kee yeroo booda namoonni gurguddaan, keessumaa immoo warri kan jiraatan wanta ijoollee isaaniitiif barbaachisu guutuuf qofa akka taʼe yaaduu jalqabuu laata?

    Tarkaanfii gaarii taʼe: Ijoolleen kee siinis wanti barbaachisu akka jiru akka hubatan godhi. Kana gochuun kee siin dabalatee warra kaaniif akka yaadan godha.

  • Abbaa gara jabeessa taʼee fi nama ceephaʼutu si guddise; kanaafuu, ati ijoollee kee wajjin haala wal qabateen faallaa kanaa gochuu barbaadda. Ijoollee kee dhiiraa lamaan, utuma isaan waan isaan galateeffachiisu hin hojjetin illee carraa argatte hundatti fayyadamtee isaan jajja. Akkana ofiin jetta: ‘Waaʼee ofii isaanii miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamu gochuun barbaachisaa dha. Adda akka taʼan yoo isaanitti dhagaʼame, ofitti amanannaa jireenya isaanii keessatti milkaaʼina argachuuf isaan dandeessisu qabaatu.’

    Mee yaadi: Ijoollee kee akkasumaan, jechuunis miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamuuf qofa yeroo isaan jajju dhuguma maal baratu? Ijoolleen kee ofitti amanannaa akka qabaatan gochuu irratti garmalee xiyyeeffachuun kee, ammas taʼe gara fuulduraatti miidhaa akkamii isaan irraan gaʼa?

    Tarkaanfii gaarii taʼe: Madaallii kee eegi. Ijoollee kee gar malee hin ceephaʼin; akkasumas, carraaqqii isaan godhan irratti hundaaʼiitii isaan jaji.

  • Haadha ijoollee durbaa umuriin isaanii waggaa jaʼaa fi shan taʼe qabdu dha. Intalli kee isheen hangafaa daftee aaruudhaan utuu itti hin yaadin tarkaanfii fudhatti. Fakkeenyaaf, kaleessa akka tasaa waan aarteef, harka quxisuu ishee abootteedhaan rukutteetti. Atis dhimma kanaaf furmaata kan kennite akkamitti akka ture xiinxaluu jalqabde. Yeroo kanatti ishee adabuu mannaa ishee wajjin mariʼachuu akka filattee turte yaadatte. ‘Intalli koo waan gadhee akka hojjette yoon itti hime ni miidhamtii laata?’ jettee yaadde.

    Mee yaadi: Intala waggaa jaʼaatiif mareen qofti gaʼaa dhaa? Obboleettii ofii rukutuun sirrii akka hin taane ibsuuf, jecha “gadhee” jedhutti fayyadamuun dhuguma miidhaa geessisaa?

    Tarkaanfii gaarii taʼe: Amala sirrii hin taane argisiisuu isheetiif karaa sirrii taʼeen ishee adabi. Adabni jaalalaan kennamu, ijoolleen kee amala isaanii sirreessuu akka baratan gargaaruu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi